Faarfannaa 124:1-8
Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhaabaateeโ
haa jedhu sabni Israa'el!
2ย Yeroo namoonni nu irratti ka'an,
โInni gara keenya gore
Waaqayyo utuu ta'uu dhaabaateeโ
3ย silaa yeroo aariin isaanii nu irratti boba'e sana,
isaan fayyaatti nu in liqimsu turan.
4ย Silaa lolaan nu fudhatee in sokka,
bishaan bubbisus mataa keenya irra in yaa'a ture.
5ย Silaa huursaan bishaanii,
mataa keenya irra in yaa'a ture.
ย
6ย Waaqayyo inni afaan isaanii keessa nu hin buusin,
ulfinaan haa jajamu!
7ย Akka simbirroonni kiyyoo adamsituu jalaa baatu,
nuyis isaan jalaa in baane
kiyyichi in ciccite, nuyis jalaa in baane.
8ย Maqaa Waaqayyoo isa waaqaa fi lafa uumeen,
nuyi gargaarsa arganne.