Jalqaba waa'ee wanta tokkoo baruu barbaadda. Xiqqoo irratti dubbista, xiqqoo caqasta. Sana booda ofitti-amanamummaan kee gaara yaaba. Waa'ee wantichaa irratti beekumsi gosa gosaan si bira waan jiru sitti fakkaata. Yaada namoota kaanii asii gadi si ilaalchisa.
Ergasii wanticha irratti dabaltee dubbisuu, yaadota caqasuu fi yaaduu itti fufta. Yeroodhaan booda wanti ati hin beekne gara akka hin qabnetu sitti mul'ata. Ofitti-amanamummaan kee gaaricha irraa suuta bu'a. Homaa akka hin beeknetti sitti dhaga'amuu jalqaba. Waa'ee wantichaa namoota gulantaa duraa irra jiran sana caalaa beekta; garuu akka hin beeknetti waan sitti dhaga'aamuuf, yaada kee dubbachuufuu ija laafta.
Sana booda, hubannoon wanticha irratti qabdu dabalaa akkuma adeemuun, ija jabinni kees dabalaa adeema. Yoo karicha itti fufteef, ofitti amanamummaan kees suuta bakka isaatti deebi'a jedhama. Kun qorannoo amalaa keessatti 𝐷𝑢𝑛𝑛𝑖𝑛𝑔-𝐾𝑟𝑢𝑔𝑒𝑟 𝐸𝑓𝑓𝑒𝑐𝑡 jedhamee waamama.
Iddoo baay'eetti warri mata-bowuu ta'aa jiran, warra 𝑀𝑜𝑢𝑛𝑡 𝑆𝑡𝑢𝑝𝑖𝑑 sana bira ga'anii hoji-manee isaanii addaan kutaniidha. Hubannoo dabalachuuf yaaliin isaan godhan dhaabbateera. Ofitti-amanamummaan isaanii garuu gaara yaabe sana irraa hin buune.
IDDOO NAGAA BULAA😘
Singer Megertu Official