Waaqayyo, "Ifni haa ta'u! jedhe."
π Uumama 1:3 Waaqayyo, Ifni haa ta'u! jedhe; ifnis in ta'e. 4 Waaqayyo ifichi gaarii akka ta'e in arge; ifichas dukkanichattii gargar in baase. 5 Waaqayyo ificha Guyyaa, dukkanichas Halkan jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa tokkoffaa dha.
π‘Ifni wanta gaariidha. Sababiinsaa akkuma macaafni jedhu, namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu.(Yohannis 11:9)
π‘ Ifa keessatti sobniif dhugaan salphaadhumatti gargar ba'u.
β Ifti kun maali? Ifa uumamaa kannee akka ifa aduu, urjii yookiin addeessaati?
π‘ Ifti kun waantota sadii kan bakka bu'u yoo ta'u isaanis:
π Yesus Ilma Waaqayyooti
π Sagalee Waaqayyooti
π Nuun, ilmaan waaqayyooti.
π Me gaabsinee kanneen sadan haa ilaalluu.
β. Ifti kun Yesus Ilma Waaqayyoo bakka bu'a.
π Yohannis 8:12 "Yesus ammas namootatti dubbatee, Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu isaaniin jedhe."
π Biyyi lafaa kun harka isa hamaa jalaΘti koloneeffatamtee jirti. Isatus ishee seerratta. Yesus garuu namoota mootummaa dukkana kana jalaa baasuuf ifa ta'ee mula'ate.
π Sababiii hojii ishee isa dukkanaan guutuu kana, biyyi lafaa kun ificha simachuu hin dandeenye.
πYohannis 1:9 Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa. 10 Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne. 11 Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne.
β. Sagalee Waaqayyooti
π Macaafni qulqulluun, " Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa." (Faarfannaa 119:130) akkuma jedhu dubbiin waaqayyoo madda ifaati. Akkuma kana Far. 119:105 irrattis "Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa."jedha. Kanaaf dubbiin isaa ifa.
π Dukkana isa nukeessaayyuu kan ari'e ifa sagalee isaati.
π2 Qor 4:6 (MACQUL) Waaqayyo isa, Dukkana keessaa ifni haa ifu! jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse.
β. Ifti kun duuka buutota Yesus bakka bu'a.
π‘Gooftaa Yesus Mat. 5:14 iratti, βIsin ifa biyya lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u.βnuun jedhe.
π Akkanu ifa taanu kan ni taasise, Kiristoos isa nu keessati. Kanaaf macaafni qulqulluun 2Phex.1:19 irratti, "Ammas dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime; isinis hamma boruun baqaqutti, bakkalchi garaa keessan keessa ibsus hamma ba'utti, dubbii kana akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsutti yaadaan duukaa yoo buutan gaarii gochuu keessan."jedha.
π Har'as sagalee Waaqayyoon, "Mana keerratti, hojii keerratti, barnoota keerrattii, ifni haa ta'u!
Galatomaa.