“Borofni akkuma bishaan yaa'u argachuu yaadu, lubbuun koos akkasuma si yaaddi, yaa Waaqayyo!”
— Far. 42:1
Borofni burqaa bishaanii irraa fagaatee jiraachuu hin danda'u. Innis sababoota gurguddoo lamaaf.
1) ammaa amma waan dheebotuuf. Dheebuun sana bahuuf yeroo hundumaa burqaa bishaanii bira jiraachuu qaba. Daawwit waa'ee waaqayyoo gaafa ibsu lubbuun koo akkasitti si dheebotti jedha. Waaqayyoon waaqeffachuun akkasiidha. Yeroo hundumaa isa yaaduufi dheebochuudha.
2) qaama ishee keessaa xuriin bahu baayyee waan xiraa'uuf, kunimmoo bineensoti biroon foolii fuudhanii dhufanii waan isa nyaataniif yeroo hundumaa burqaa bishaaniitti dhiqachuu qaba. Wanti dhaqna keenya isa moofaa, jechuun addaamummaa keenya isa duraa keessaa bahu baayyee foolii gadhee qaba ture. Humni dhiiga kristoos garuu waan hundumaarraa, foolii badaa hundumaarraa, cubbuu hundumaarraa qulqulleessuuf ga'aa waan taheef nuyi yeroo hundumaa dhiiga kristoos irraa fagaachuu hin qabnu.
Ayyaanni waaqayyoo isiniif haa baayyatu!
🌐 Christian Living