Macaafa Fakkeenyaa 3:1-10
Sagalee Kana Yaadaa Guyyaa Ulfinni Waaqayyoo Irratti Mul'atu akka qabaattan nan amana! Oolmaa Gaarii
🌐 Christian Living
1 Yaa ilma ko, gorsa koo hin irraanfatin, abboommota koos yaadatti qabadhu!
2 Isaan guyyoota baay'ee fi waggoota baay'ee, nagaatti jiraachuus siif in dabalu.
3 Gaarummaa fi amanamummaan sittii hin fagaatin! Morma keetti isaan hidhadhu, gabatee garaa keettis isaan caaffadhu!
4 Yommus ati Waaqayyo duratti, nama durattis maqaa gaarii in argatta, faara tolaadhaanis in ilaalamta.
5 Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!
6 Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.
7 Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu, wanta hamaattiis fagaadhu!
8 Kun fayyaa dhagna keetiif, cimina lafee keetiifis in ta'a.
9 Qabeenya keetiin, ija midhaan keetii hundumaa keessaa isa duraatiinis, Waaqayyoof ulfina kenni!
10 Yommus midhaan gombisaa kee in guuta, daadhiin waynii kee inni haaraanis guutee iddoo cuunfaa waynii kee irra in dhangala'a.
Sagalee Kana Yaadaa Guyyaa Ulfinni Waaqayyoo Irratti Mul'atu akka qabaattan nan amana! Oolmaa Gaarii
🌐 Christian Living