HIN SODAATIN!
Isa. 41:10 Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.
Namni yeroo raafamaa, bubbeen rakkinaa isa biraa bubbisu yeroo ilaalu ni sodaata ni raafama. Namni rakkina, dhukkuba, haala keessa darbaa jiru ilaalees ni sodaata.
Gooftaan garuu kana hundumaa keessatti hin sodaatinaa nuun jedha. Wanti isin yaaddessu yoo jiraateyyuu Waaqayyoo garuu hin sodaatin ani isa gararraadha jedha. Yesuus Kiristoos isa gararraadha. Waan si sodaachisu hundumaa, haala yeroo ilaaltee, darbuu dadhabdee, waan ittiin jiraattu dhabdee isa sodaattu hin sodaatiin siin jedha. Hin na’iin, hin sodaatiin, garaankee hin raafamiin siin jedha Waaqayyo karaa dubbiisaa.
Sodaa du’a jala, qoramsa garaagaraan, haala yeroon raafamaa kan jirtu hin sodaatiin, harki Waaqayyoo siif diriiree jira.
Isa. 54:4 Ati si'achi hin qaanoftuutii hin sodaatin! Ati si'achi yeellaasifamtee lafa hin ilaaltuutii hin na'in! Arrabsamuu yeroo dargaggeettummaa keetii in irraanfatta, qaanii isa yeroo haadha hiyyeessaa turtees deebitee hin yaadattu.
Akka ati deebitee hin qaanofneef, akka deebitee hin leeyyasifamneef harki Waaqayyoo siif diriiree jira.
Wanti baay’een nama qaanessuuf, bubbee lolaa sitti kaasu yoo barbaadeyyuu, harki Waaqayyoo kana hundumaarraa si oolchuuf diriiree jira.
Er. 46:27 Yaa garboota ko, yaa sanyii Yaaqoob hin sodaatinaa, yaa saba Israa'el hin na'inaa! Ani kunoo, biyya fagoodhaa isin nan fida, sanyii keessanis iddoo isaan itti booji'amanii nan baasa; sanyiin Yaaqoob achitti deebi'anii bir'aa malee nagaatti in jiraatu; kan isaan sodaachisus hin jiru.
Egaa ijoolleen Waaqayyoo haala kamiiniyyuu sodaattanii hin raafaminaa, Waaqayyoo isin gargaaruuf harkasaa diriirsee jira.
Sodaa dhiifnee Yesuus irra ija haa kaa'annu.
🌐 Christian Living