Jaalalleen/Niitin Kee Nama Biraa
Jaalattee Akka Jirtu Beektaa?
☆☆☆
.
◉ " Ishiin anaaf amanamtuudha, onneedhuma ishiirraa na jaalatti, dhiira kamiyyuu goonkumaa hin yaaddu, intala amantiitti jabduu taatedha, lubbuu ishiiyyuu dabarsitee naaf laatti " jettee mudhii kee jabeeffattee ishiidhaf ragaa ba'uu dandeessa. Intalumti ati akkana godhattuuf tun osoo dhoksaatti jaalallee akka qabdu irraa geessee amanuuf si rakkisa. Akkuma dhiiroonni jaalallee/haadha warraa isaanitiif hin amanamne dubartoonni tokko tokkoos akkuma dhiiraa kan biraa waliin buburraaqun ni mul'ata. Siin ala kan biraa yoo qabaatte mallattoo tokko tokko sitti agarsiisuu dandeessi.
.
➲ Amala jijjiirratti. Yeruma ati jalqaba ishiin wal bartu yookin fuutu walitti dhufeenya dhiirota baay'ee kan qabdu yoo taate rakkoo hin qabu. Garuu dhiyeenya kana hiriyoota dhiiraa yoo baay'iste shakkuu qabda. Oduu yoo dhageesse yookin ishiniyyuu hiriyaa dhiiraa akka qabdu sitti himnaan hordofuun bayeessa.
.
➲ Gargaarsa kee hagas mara hin barbaaddu. Wantoota adda addaa dur si faana kan taasiftu amma garuu kophaa dhuma ishii dalaguu dandeessi. Qofa daandidhuma qaxxaamuruuf sitti rarraati. Amma dhaabuu dandeessi. Yookin nama biraatu bakka kee bu'ee daandii ceesisaa jira ta'a.
.
➲ Aaruu ni dhaabdi. Waan feete yoo balleessite omaa itti hin fakkaatu. Dur yoo ati bilbiluma daftee daftee bilbiluufii baatte ni aarti. Amma garuu alaa yoo bultee galte dhimma ishii miti. Jaalala kee fixatteera jechuudha.
.
➲ Icciitii eeguu baay'isti. Akka qofaa oolmaa ishii baay'ee sitti hin odeessitu. Qofa lafumaa kaatee waan hunda sitti odeessitee si nuffisiistu sun har'a atiyyuu yoo gaafatte deebii quubsaa argachuu dhiisuu dandeessa. Sababni isaas waan ati akka hin barre tokkotu jira yookin tokko faana haasoftee dadhabdeera ta'a. Bilbila ishii sin tuqsiiftu. Sitti kennituyyuu password walxaxaadhan kan cufameedha.
.
➲ Humnaa ol gaarii siif taati. Yoo ati balleessite siin hin loltu. Yoo ati waan ishii miitu dalagdeyyuu kolfiteetuma bira siif dabarti. Garaa si roraasti gaarummaan ishiin siif taasistu. Osuma dubartii biraa biratti si agartee yookin dhageesseyyuu callistee si ilaaluu dandeessi.
.
➲ Jaalalli ishiin siif qabdu ni dabala. Qofa hojii malee waa'ee jaalala siif qabduu sitti kaasuu dhiisuu dandeessi. Amma garuu guyyuma guyyaan sin jaaladha siin jetti. Bilbilaan si cinqiti. Siree irrattis jaalala ishii siif ibsiti.
.
◉ Mallattoo akkanaa omaayyuu waan irratti hin argineef guutummatti amanuun sirra hin jiraatu. Akkasumas mallattoo kana hunda waan agarsiiftef nama biraa jaalattee jirti jettee tokkichaan hin murteessin. Waanuma dhageessef, agarteef waa murteessuf hin ariifatin. Hinaaffaa keettiirraayis madduu danda'a. Waan ofii keetii akkas gootuf ishiis akkasitti hin yaadin.
.
◉ Osumayyuu mallattoo kana hunda sitti agarsiiftee, otuma dhageessee, osuma agartee, osoo jaalallee biraayyuu qabaattee rakkoon keeti malee kan ishii miti. Sababiin isaas waan sirraa dhabde tokkotu jira. Wantoota ishiitti hir'iste hundayyuu gaafadhuu guutif,
dadhabdu sirreessaa deemi. Rakkoo kee garuu ishuma qofatu beeka.