Namicha tokkotu waanuma oomishu hunda achuma araddaa qonnaa isaa keessa taa'ee nyaata ture. Boqqolloon yoo ga'u bakkeedhuma taa'ee nyaata. Baaqeelaan, xaafiin, atarri...gosti miidhaan nyaataa inni facaasu hundi yommuu bilchaatu achuma 'obdii' keessa taa'ee nyaata.
Ollaan isaa immoo waan namichi kun godhu yeroo dheeraaf taajjabaa ture. Gaaftokko namichi kun araddaa keessa taa'ee otuu baaqelaa bilchaate nyaachaa jiruu ollaan isaa argee gaaffii gaafate.
- -
OLLAA:- "Yaa namichoo, ati maaliif waanuma oomishtu hunda araddaa keessa teessee nyaattaa?"
NAMICHA:- "Maal gochuun qabaree?"
OLLAA:- "Calleessitee manatti galchuu qabda kaa"
NAMICHA: "Achii hoo?"
OLLAA:- "Callaa kana gabaa baastee gurgurta"
NAMICHA:- "Achii hoo?"
OLLAA:- "Qarshii callaa gurgurtee argattu kanaan meeshaa ammayyaa bitatta"
NAMICHA: "Achii hoo?"
OLLAA:- "Lafa qonnaa bal'ifattee, callaa guddaas argatta"
NAMICHA: "Achii hoo?"
OLLAA:- "Hojjettoota baay'ee qacaratta"
NAMICHA:- "Achii hoo?"
OLLAA:- "Achii teessee nyaatta kaa"
NAMICHA:- "Amma maal gochaan jira? Taa'een nyaachaa jira bar!" 😂😂😍
-
Ani siif beekaan gowwummaadha. Kan isaaf ta'u abbaanuu beeka!
Kottaa kolfaa
Kottaa kolfaa 😁