Gidduutti Carraan "simale kottu hin deemnaa" jedhe.Simaleenis nyaata naaf fidde natti laattee "homaa miti wanti hundiyyuu hin darba of hin rakkisin eessayyuu hin deemtu at of rakkiftee of hin miidhin gara galgalaa dhufeen si ilaala" naan jettee nagaa natti dhaamtee deemte. Anis akkuman laaqanakoo nyaadhee xumureen gaaffiidhaaf barbaadamta naan jennaan deemee gaaffiitti dhiyaadhe. Gaaffiilee adda addaas na gaafatanii hattuudha jedhanii na amansuus yaallaan milkaa'uu dadhabnaan gaafasuma na gadhiisan. Anis akkuman achii baheen akka nama maraatee uffatan qabu sisirreeffadhee wantoota deemsaaf na barbaachisan tokko Tokko mijeeffachaa utuun jiruu simaleen akkan mana adabaarraa hiikame dhageessee dhuftee "maal gochaa jirtaa Abdiiko" naan jette. Anis "bor immuttii barbaacha finfinneen deema jedheeni" jennaaniin "maaf gowwoomtaa waan agartu sitti fakkaatamoo. Mo lakkoobsa moobaayilaa isaammoo fudhatteettaa?" Naan jette. Anis woraqatan irratti barreesse gaafan giiphiikoo keessa ilaalu hin jiru. Baayyee ofittii aareen "fudheen ture" jedheen deebiseef "hin gatteeree...akkasittiin deemuu hin qabdu?" Naan jette. "Cita mormaa nan deema maleen" jedheen.
"Maal taatee Abdii barumsahoo?"
"Yeroon qaqqaben baradha"
"Ishi anahoo eenyutti dhiifte"
"Maal taatee siiko takkaa irraa adda bahee hin beekuum. Imaanaa haatikoo natti laatteedhaam isheerraa addaan bahuufillee yaadee hin beekuum ishee malee firakoo abbaakoo haadhakoo kanan jedhu hin qabuum"
"Si hubadheera hamma kana ariifachuun maalifi"
"Rakkoon qabu dafeen deebi'a"
"Tole waan ittiin deemtummoo qabdaa?"
"Eeyyeen 1500 qaba. Dheengadda gaafa poolisoonni nu qaban..." Jennaan gidduutti simaleen addaan na kuttee "abdii poolisiirkaa hatte akka hin taane " anis mataa raaseen eeyyee jechuukoo mirkaneesse. Kanarratti simaleen utuu waan tokko hin dubbatin aariidhaan gara manaa galte. Anis uffatakoo sisirreeffachuu itti fufeen sa'atiin hirribaa gaafa gahu. Deemee duddaan ciiseen yaaduu jalqabe "amma ati yoo simalee dhiiftee deemte carraan inni dur isheerraa adda hin baane itti fayyuu isaati. Kanaan booda ati isa bade barbaaduuf isa of harkaa buusaa jirta. Hin agartuu haasaa isaanii akkasaan itti haasa'an. Takka turraanimmoo kansaa godhee dhuunfata. Gaddikee gaddashee kan ta'e yaadnikee yaadashee kan ta'e gaafati gammaddu si woliin kan gammaddu Gaafa ati dhiphattu fala kan siif barbaaddu. Maaf akkasitti mufachiifta" Naan jedha. Ammas yaadnikoo biraanimmoo "haatikee akkasin wol gargaartanii ofii nama taataniif ofiisheetii of rakkiftee isin nyaachisa utuu hin baratin isin barsiisaa kan turte akka isin woliin nama taataniifi ati garuu harra imaanaasheen sitti laatte nyaachuuf oliif gadi oofamta kan ati immuttii hin barbaanne eenyutu barbaadaa. Si malees eenyuun qabdii?" Jedhee deemsaaf na kakaasa. Gidduuttis isan kophaakoo jiru yaadeen kan dur immuttii woliin turremmoo tilmaama. Kanisheen kana naaf hojjedhu jettee hojii manaa natti agarsiifattu. Kan isheen na haammattee na dhungattee na taphachiiftee bakka abbaas,haadhaas,obboleessaas,obboleettiis buutee natti mullattu gaafasheen hamma beektu na gorsitu sanafaatu natti dhagahama. Kanumafaa yaadeen imimmaan Ija na gugguuta. Bor akkan deemus murteesseen utuuman yaadaan dhiphadhuu xiqqoo woyii rafeen ganamaan gara dhaabbata konkolaataa deeme. Akkuman achi gaheenis konkolaataa gara finfinnee deemtu argeen ol itti seenuuf miilla gaafan itti kaa'u harki tokko dudduubaan qabee uffatakoo harkise. Gaafan gala galee ilaalu simaleedha. ITTI FUFA.....
Kutaa 11ffaan akka dafee dhiyaatuuf like fi share godhaa 👌
Comment jalatti kutaa 11ffaa jedhaa barreessaa ✍️
Share➠👇👇👇
Share➠👇👇👇
@asoosamaafiwalaloo ✅