Репост из: Seenaa Jaalalaa
Eelaa Simboo
Kutaa 6ffaa
~~~~
~~~~
Simboon yerooma sana mana yaalaatti geeffamtee madaanshee hodhameef. Harmeenshee fi hiriyaanshee Leensaanis akka isheen baay'istee hin dhiphanneef ishee wajjin jiru. Surraan garuu akka manaa gad-hin baaneef Sanyiin balbala itti cufee, mana fuuldura taa'ee dhufaatii maatiisaanii eeguu jalqabe.
Ogeessota fayyaa Simboo yaalaa turan keessaa isheen tokko bakka Aadde Suutumeefaan taa'anii jiranitti siqxee " gaaffii Simboon nuuf dhiyeessite irratti hundaa'uudhaan qorannaa guutuu gooneefii turre. Madaanshees haala gaariidhaan hodhameera. Wanti yaaddoo isinitti ta'u hin jiru. Akka firiin qorannaa agarsiisutti oduu gammachuu tokkos qabadhee dhufeera" jetteen.
Aadde Suutumeenis yeroo kana dhaga'an achumatti jilbeeffatanii Waaqa galateeffatan. "Waan fedhe haatahu wanti guddaan nagaa ta'uu isheeti" jedhanii deebisaniif.
Leensaan immoo "mee oduu gammachuu sana nutti himi" jettee gaafatte. Ogeettiin fayyaas " gara Simboo ilaalaa, fuulashee ibsuudhaan Simboon ulfa ji'a sadiiti. Akka carraashee ta'eemmoo nagaadha wanti nama yaaddessu hin jiru " jetteen.
Harmeen Simboo nahanii diilallaa'an. Haasaatu harkaa bade. Waan deebisaniif wallaalanii ijaan garashee ilaaluu jalqaban. Xiqqoo turanii balbala banatanii gadbahuudhaan " nan salphadhe! mucaankoo Adam gurbaa abaaramaa sanaaaf ulfoofte" jechaa ofirra gad-taa'anii imimmaan roobsan.
Imimmaan isaanii akka bokkaa arfaasaa dhaabbachuu dide. "Yaa Rabbi barana an maaluman si yakke? maal adabni hammana gahu? Maal yaa Rabbi biyyan itti kabajamee jiraachaa jirutti na salphista? Adaraa gooftaakoo osoon beekuu, osoon hin beekinis isan si yakkeef natti araarami. Salphinni kun na gaha" jechaa imimmaan coccophsan. Namoonni hospitaala keessa turan tasgabeessuuf yaalan. Leensaanis oduu dhageesse kanatti gammaduu baattullee, garuu akka Simboon hin dhiphanneef callistee haasaa jijjiirte.
Adeemsi maqaa obbo Kariimiin galmee yakkaa keessaa dhabamsiisuu Aangawoota Olaanoo fi abboota qabeenyaa hiriyoota obbo Kariimiin eegalame waan milkaa'aa jiru fakkaata. Mana murtii,waajjira poolisii fi manneen hojii mootummaa keessaa waahelotaa fi nama isaaniif hojjetu ni qabu. Dhimma hedduu irratti maallaqaan abbaa fedhe afaan qabachiisuu itti beeku.
Huseeniin yakkamaa taasisuuf shirri isaan xaxaa turanis milkaa'aa jira. Ragaan obbo Kariimiin shakkamaa godhus suuta suuta dhadhaa abidda buute ta'aa jira.
Maatiin obbo Taliilaas yeroo garagaraatti mana murtiitti iyyachaa turanillee, qaamni haqaaf dhaabbatee isaan gargaare hin turre. Obbo Kariimiis gargaarsa hiriyoota isaaniitiin mana hidhaarraa bilisaan gadhiifamuuf fiixeerra gahaniiru...
Itti fufa....
#lookoojalaala
#seenaajaalalaa
#Share
#join