Dirree ispoortii 1ffaa


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский
Категория: Спорт


Oduuwwan Ispoortii biyya keessaa fi Alaa
channell kanarraa argachuu dandeessu Afaan oromoo guddisuu fi waa'ee ispoortii waan jiru waliif dabarsuun kaayyoo keenya isa guddaadha!!
Afaan oromoo hundaa olii ittiin haa dubbannu, haa dubbisnu haa barreessinu!

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Категория
Спорт
Статистика
Фильтр публикаций


Today Hamster Kombat Daily Combo

Pr and team ➡️ Security team
Market ➡️ prediction market
Legal ➡️ Licence vietnam

Hamster kombat yoon hin jalaqabni amma jalaqabaa 🐹  premarket irratti baheera jiraa 👇
https://t.me/hamster_komBat_bot/start?startapp=kentId6107769803






Akkuma beekamuu Blum Project Baay'ee guddaa ta'eedha Karaa telegram verify kan ta'ee akkasumas binance dhan kan deggeramudha kan hin jalqabne ammumma jalqabaa link 👇👇👇
t.me/BlumCryptoBot/app?startapp=ref_n8wpciQjsR


Avacoin Taskiwwan haaraan ni jiru

ammuma seenuun claim godhaa

Warrii hin egalleef
Link👇👇
https://t.me/avagoldcoin_bot?start=b53927e04f5ecc93b94a


Ingilaandi tajaajila Luuk Shaaw hin argattu!

Leenjisaan Gaareet Saawuzgeet tapha gareen biyyaalessaa Ingilaand galgala kana garee lammaffaa Deenmaark waliin taphatu irratti Luuk Shaaw akka hin hirmaanne mirkaneessaniiru.

"Luukaa Shaaw miidhaan irra gahe irraa dandamachuuf hojjechaa jira, garuu tapha har'aa fi xumura garee irratti hin hirmaatu, yeroo dabalataa isa barbaachisa." Leenjisaan Gaareet Saawuzgeet akka jedhanitti.

Leenjisaan Gaareet Saawuzgeet itti fufuun tapha har'aa irratti tapha jalqabaa irraa sarara fuulduraa akka hin jijjiirre ibsuun Arnold gidduutti akka taphatu Fooden ammoo bitaa irratti akka taphatu dubbataniiru.


"Deeggarsi Maadriid caalaatti na kakaasa" Arda Guler

Injifannoo Turkiyaan Joorjiyaa injifachuun goolii murteessaa galchuun urjii tapha kanaa ta'uun kan filatame Ardaa Guular deeggarsa Riyaal Maadriid irraa fayyadamoo ta'uu dubbateera.

''Leenjisaan Kaarloo Anchelootiin tapha dura ergaa naaf erguun hawwii gaarii ibseera,'' jechuun Ardaa Guler deeggarsa Riyaal Maadriid naaf godhe kaka'umsa guddaa naaf kenne jedheera.


Poorchugaal dorgommii kana injifannoon eegalte!

Gareen biyyaalessaa Poorchugaal tapha jalqabaa waancaa Awurooppaa irratti garee biyyaalessaa Cheek Rippabiliikaan 2 fi 1n injifate.

Firaansiiskoo Konseekaa'oo fi Piroovood garee biyyaalessaa Poorchugaal goolii injifannoo kan galchan yoo ta'u, Piroovood ammoo Cheek Hraanaak goolii ofii galcheera.

Taphataan sarara ittisaa lammii Poorchugaal Pepee taphataa hangafa waancaa Awurooppaa irratti hirmaate ta'uun seenaa haaraa barreessuu danda'eera.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo dorgommii waancaa Awurooppaa ja'a irratti hirmaachuudhaan seenaa dorgommii kanaa keessatti taphataa jalqabaa ta'eera.

Dilbata dhufu tapha lammaffaa garee kanaa irratti Poorchugaal Turkii waliin, Cheek Rippabilik Joorjiyaa waliin taphatti.


Turkiin dorgommii kana injifannoon eegalte!

Tapha garee jalqabaa waancaa Awurooppaatiin gareen biyyaalessaa Turkii tapha garee biyyaalessaa Joorjiyaa waliin taasise 3 fi 1n injifate.

Ardaa Guler, Muldur fi Akturkoglu garee biyyaalessaa Turkiif goolii injifannoo kan galchan yoo ta'u, Joorjiyaa Mikoutadze goolii galcheera.

Taphataan sarara gidduu lammii Turkii Riyaal Maadriid Ardaa Guler taphataan dargaggeessa tapha guddaa garee biyyaalessaa Turkiif goolii galche ta'eera.

Tapha 2ffaa garee kanaan Dilbata dhufu Joorjiyaan Cheek Rippabiliika, Turkiyaan ammoo Poorchugaal waliin taphatu.


🇪🇺Taphoota Yuuroo 2024 har'aa

01:00tti | Turkiye vs Joorjiyaa
04:00tti |  Poorchugaal vs Rippabiliika Cheek


Sagantaan Piriimiyerliigii Ingiliiz ifoome!

Taphoota Piriimiyerliigii Ingiliiz bara dorgommii 2024/25 ifoome.

Haaluma kanaan sagantaan dorgommii torbee jalqabaa:-

- Cheelsii fi Maanchistar Siitii

- Arsenaal fi Woolvis

- Maanchistar Yunaayitid fi Fuulhaam (tapha baniinsaa liigichaa)

- Ipswich Taawun fi Liivarpuul

- Leesteer Siitii fi Tootinaam

- Weestihaam Yunaayitid Aston Viilaa waliin taasisan

- Evertan fi Biraayitan

Barri Piriimiyerliigii Ingiliiz 2024/25 Hagayya 11/2016 irraa eegalee Caamsaa 17/2017 sa'aatii wal fakkaatuun xumurama.

*Sagantaan torbee jalqabaa guutuun suuraa armaan olii kanaan qabamee jira.


Keevin shubbisee Kylian Mbappé dhiifama gaafate!

Taphataan sarara ittisaa garee biyyaalessaa Oostiriyaa Keevin Daansoo kaleessa galgala Kiiliyaan Mbaapee waliin waldhabdee taasiseen miidhaan hidhii isaa irra ga'uu isaatiin dhiifama gaafate.

"Ummata Faransaayii fi Kiiliyaan Imbaapeen dhiifama gaafadha, isa miidhuu hin barbaanne. Fooyya'ee gara dirreetti akka deebi'u hawwa" jedheera.


Murteessaan lammii Arjentiinaa tapha waancaa Awurooppaa ni dursa!

Murteessaan lammii Arjentiinaa Facundo Tello tapha garee waancaa Awurooppaa galgala kana Turkii fi Joorjiyaa gidduutti taphatamu ni geggeessa.

Murteessaan lammii Arjentiinaa Facundo Tello tapha waancaa Awurooppaa biyyoota miseensa Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaatiin alatti taphatamu kan jalqabaa ta'uun seenaa haaraa ni barreessa.

Abbaan murtii olaanaa garee abbaa murtii waancaa Awurooppaatti kan makame qaama waliigaltee murteessitootni UEFA fi gita Ameerikaa Kibbaatiin hojjetaman qooddachuu fi waliin hojjechuu ta’uun ibsameera.

Tapha gidduutti amala hin barbaachifne irratti akka hin callisne kan himamu abbaan murtii ganna 42 kun waggoota lama dura tapha tokko irratti taphattoota kudhaniif kaardii diimaa kennuun beekama ture.


Mbaappeen tapha Nezerlaandiif dhufuu dhiisuu mala!

Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiiliyaan Mbaappeen kaleessa galgala hidhii isaa irratti miidhaan cimaan isa mudate tapha Jimaata dhufu Nezerlaand irratti hirmaachuu dhiisuu akka danda'u ibsameera.

Tapha garee xumuraa waancaa Awurooppaa Poolaandi waliin taasisan irratti Kiiliyaan Imbaappeen carraa dhufuu akka qabu gabaafameera.

Kiiliyaan Mbaapeen sababa miidhamuu isaatiin waancaa Awurooppaa isa hafeef haguuggii fuulaa akka uffatu himama


Miidhaan Kiiliyaan Mbaapee hangam?

Kiiliyaan Mbaappeen galgala kaleessa tapha waancaa Awurooppaa garee Faransaay Oostiriyaa waliin taphateen walitti bu'iinsa mudateen miidhaan hidhii irra gaheera.

Taphataan sarara fuulduraa Loos Bilaankoos Kiiliyaan Mbaapeen erga miidhaan irra gaheen booda raajii (X-ray) taasifameefii wal'aansa isaa akka itti fufu gabaafameera.

Kiiliyaan Mbaapeen sababa miidhaan irra gaheen baqaqsanii hodhuu akka hin goone yeroo itti himamu, wal'aansa booda haguuggii fuulaa uffatee gara dorgommiitti akka deebi'u akka isa gargaaru himamaa ture


Baga Gammadaan guys Tapswap karaa ton block Chain irraatti list akka ta'uu Himamee jiraa Amma dandessaan hojjedhaa 💰💰❤️

Kan hin jalqabne yoo jiraate link armaan gadii kana faayadamaa👇👇👇
https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_884908234 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift


#YUROO2024

Tapha garee jalqabaa waancaa Awurooppaa irratti gareen biyyaalessaa Deenmaark garee biyyaalessaa Islooveeniya waliin tapha 1 fi 1n qixa ba'e.

Kiristaan ​​Eriksen goolii jalqabaa Deenmaark yoo galchu, Erik Jaanzaan ammoo Islooveeniyaaf qixa baase.

Taphataan ganna 32 Kiristaan ​​Eriksen taphataa Deenmaark waancaa Awurooppaa irratti goolii galchuun hangafa ta'eera.

Tapha 2ffaa garee kanaa torbee dhufu Kamisa dhufu irratti Deenmaark Ingilaandii waliin, Islooveeniyaan ammoo Sarbiyaa waliin ni taphatu.


Ingilaandi injifattee jirti!

Tapha garee jalqabaa waancaa Awurooppaatiin gareen biyyaalessaa Ingilaandi tapha garee biyyaalessaa Sarbiyaa waliin taasise 1 fi 0n injifate.

Goolii injifannoo garee biyyaalessaa Ingilaandiif Judd Bellingham galcheera.

Taphataan Ingiliiz Juud Beeliinghaam taphataa Awurooppaa dargaggeessa dorgommiiwwan gurguddoo sadii irratti hirmaate ta'eera.

Taphataan ganna 20 Juud Beeliinghaam waancaa Awurooppaa lamaa fi waancaa addunyaa tokko irratti hirmaachuu danda'eera.

Haarii Keen taphataa Ingilizii jalqabaa dorgommiiwwan gurguddoo afur irratti dursaa garee biyyaalessaa Ingilaandii ta'uun seenaa galmeesse.

Tapha 2ffaa garee kanaa torbee dhufu Kamisa dhufu Ingilaandiin Deenmaark waliin kan wal morkatu yoo ta'u, Sarbiyaan ammoo Islooveeniya waliin ni taphata.


🇪🇺 Tapha garee jalqabaa Yuuroo 2024
          
                 ⏰ 40'.

        Sarbiyaa 0-1 Ingilaandi
                       ⚽️ Beeliinghaam 13'.

SHARE godhaa @Dirreeispoorti


Preton yeroo sadaffaaf TONI 2000 dabalaniiru.

Jarri kun jabaadha preton hanga dandessan walitti qabadha.

https://t.me/preton_drop_bot?start=952ba8ec-ab12-4b45-ad05-06c709de83f4

Показано 20 последних публикаций.