Poorchugaal dorgommii kana injifannoon eegalte!
Gareen biyyaalessaa Poorchugaal tapha jalqabaa waancaa Awurooppaa irratti garee biyyaalessaa Cheek Rippabiliikaan 2 fi 1n injifate.
Firaansiiskoo Konseekaa'oo fi Piroovood garee biyyaalessaa Poorchugaal goolii injifannoo kan galchan yoo ta'u, Piroovood ammoo Cheek Hraanaak goolii ofii galcheera.
Taphataan sarara ittisaa lammii Poorchugaal Pepee taphataa hangafa waancaa Awurooppaa irratti hirmaate ta'uun seenaa haaraa barreessuu danda'eera.
Kiristiyaanoo Roonaaldoo dorgommii waancaa Awurooppaa ja'a irratti hirmaachuudhaan seenaa dorgommii kanaa keessatti taphataa jalqabaa ta'eera.
Dilbata dhufu tapha lammaffaa garee kanaa irratti Poorchugaal Turkii waliin, Cheek Rippabilik Joorjiyaa waliin taphatti.