jiraachuu Waaqayyoo beekanii Waaqessuu
✝✝✝✝✝✝✝✝✝✝✝✝
Bau. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Museen immoo Waaqayyoon, "Gara mootii Gibxii dhaqee, saba Israa'el biyya Gibxiitii kanan baasu ani eenyu?" jedhe.
¹² Waaqayyo immoo Museedhaan, "Ani sii wajjin nan ta'a; ati saba sana biyya Gibxiitii yommuu baaftu, tulluu kana irratti Waaqayyoof sagaduuf jirtu; si erguu kootiifis kun milikkita siif in ta'a" jedhe.
¹³ Museen yommus Waaqayyoon, "Ani saba Israa'el bira dhaqee, 'Waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge' yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo 'Maqaan isaa eenyu?' jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?" jedhe.
¹⁴ Waaqayyo deebisee Museedhaan, "Ani 'Isa jiraataa dha,' ati immoo saba Israa'eliin, 'Inni jiraataan isinitti na ergeera' in jetta.
¹⁵ Bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama" jedhe; Waaqayyo ammas Museedhaan, "Saba Israa'eliin, 'Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaq, Waaqayyo inni kan Yaaqoobis isinitti na ergeera' jedhi!" ¹⁶ Akkasumas dhaqii, maanguddoota Israa'el walitti qabi, isaaniin, "Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, inni kan Yisihaq, inni kan Yaaqoobis anatti mul'ate; anatti dubbatee, 'Ani wanta biyya Gibxiitti isin irratti hojjetame ilaalee argeera;
¹⁷ ani gad qabamuu biyya Gibxiitti isin irra ga'e keessaa isin baasee, gara biyya aannanii fi damma baasutti, biyya Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isin baasuudhaaf murtoo godheera naan jedhe' jedhii isaanitti himi
!
Dan. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Nebukadnezaar mootichi bifa fakkeenyaa hojjaa isaa dhundhuma jaatamaan, bal'ina isaa immoo dhundhuma ja'aan warqee irraa hojjechiisee, Baabilon kutaa biyyaa keessaa bakkee isa afaan isaaniitti "Duraa" jedhamu keessa dhaabe.
² Nebukadnezaar mootichi nama ergee warra kutaa biyyaa bulchan, warra mataa kutaa hojii irra jiran, abboota biyyaa, warra gorsituu, warra horii baatan, abboota firdii, warra seera eegsisan, warra kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundumaa walitti waamsise; waamamuun isaaniis eebba bifa fakkeenya Nebukadnezaar mootichi dhaabe irratti akka argamaniif ture.
³ Kana irratti warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, warri gorsituun, warri horii baatan, abboonni firdii, warri seera eegsisan, warri kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundinuu eebba bifa fakkeenya Nebukadnezaar mootichi dhaabe irratti argamuudhaaf walitti qabaman; isaan kun bifa fakkeenyaa isa Nebukadnezaar dhaabe dura in dhaabatan.
⁴ Inni labsii dhageessisus sagalee guddaadhaan itti lallabee, "Yaa namoota, saba garaa garaa fi, gosa garaa garaa taatanii afaan garaa garaas dubbattan dhaga'aa!
⁵ Sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas yeroo dhageessan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamaatii sagadaa!
⁶ Namni gombifamee hin saganne si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatama" jedhe.
⁷ Kana irratti jarri hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhaga'aniin, namoonni saba garaa garaa fi gosa garaa garaa keessaa dhufanii, afaan garaa garaa dubbatan, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamanii sagadan.
…
⁸ Yeroodhuma sana warri Kaldootaa tokko mootichatti dhi'aatanii Yihudoota tokko hamatan.
⁹ Nebukadnezaariinis, "Yaa mootii, bara baraan jiraadhu!
¹⁰ Yaa mootii! Ati ' Namni hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas yommuu dhaga'u bifa fakkeenya warqee irraa hojjetameef gombifamee haa sagadu! ¹¹ Namni gombifamee hin saganne immoo iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbatama' jettee abboommii baafteetta.
@Jaala_Dhugaa