Daani'el Bineensa Afur Mul'ata Keessatti Arguu Isaa
7Bara Belshaazaar mootii Baabilon waggaa duraa keessa, Daani'el siree isaa irra ciisee utuu jiruu abjuu arge, mul'annis mataa isaa keessa in dhufe; kana booddees abjuu sana caafee mataa mataa isaa himuutti ka'e. 2 Daani'el itti fufee, “Kunoo, qilleensonni bantii waaqaa jalaa golee arfanii qilleensa'anii galaana isa guddaa raasuu isaanii halkan mul'ataan nan arge. 3 Bineensonni gurguddaan sanyii garaa garaa afur galaana keessaa ba'an. 4 Bineensi inni duraa leenca in fakkaata; akka joobiraas qoochoo qaba; utuu ani ilaaluus qoochoowwan isaa irraa buqqifaman; bineensichis lafaa ol kaafamee akka namaatti miilla lamaan in dhaabachiifame, qalbiin namaas in kennameef.
*1-2 5:1; Isa 17:12
@Jaala_Dhugaa