Dhugaa Kiristaanummaa keessaa
✍Kiristaanummaan amantaawwan addunyaa keessaa sababoota hedduudhaan adda kan taʼe yoo taʼu, tokkoon tokkoon isaanii eenyummaa, amantii fi gochaan adda taʼuusaaf gumaacha qabu. Wantoota ijoo Kiristaanummaan adda ta’uu isaa agarsiisan keessaa gabaabseen isiniif kataba.
1- Eenyummaa Yesuus Kiristoos
✍Ergaa giddu galeessaati: xiyyeeffannoo fi ergaan giddu-galeessaa Kiristaanummaa inni ijoon eenyummaa Yesuus Kiristoosidha. Inni, guutummaan guutuutti Waaqaa fi guutummaan guutuutti nama guutuu dha. Waa’een du’uu fi warra du’an keessaa ka’uun Gooftaa Yesuus Kiristoos utubaa Kiristaanummaati.
✍Yommuu rakkinnii fi gidiraan Phaawuloos irratti ka’aa turetti, murtoon isaa inni dhumaa maal akka ta’e Phaawuloos akkas jedhee isaanitti hime: “Nuyi garuu, Kiristoos Isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immo ogowwummaa dha.” (1Qor. 1:23).
✍Foon uffachuu (Incarnation): Waaqayyo nama Isa foon uffate Yesuus ta’uu Isaa Kiristaanummaa adda kan godhu yoo taʼu, kunis Waaqayyo seenaa ilmaan namootaa keessatti walitti dhiyeenya dhala namaa wajjiinii taasisuuf hawwii fi dharraa attamii akka Inni qabu ibsa. “Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina Isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.” ( Yoh. 1:14)
2- Ayyaanaa fi Fayyina bara baraa
✍Fayyinni Ayyaanaan (መዳን በጸጋ): Kiristaanummaan fayyinni, carraaqqii namaatiin ykn hojii gaariitiin kan argamu utuu hin ta’in, kennaa Waaqayyo biraa tola kennamu, Yeusus Kiristoositti amanuudhaan kan fudhatamu ta’uu isaa cimsee barsiisa.
“Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;“hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti” ( Efe. 2:8-9).
✍Gatii cubbuu (Atonement): Yaad-rimeen du’a aarsaa Yesuus akka araara cubbuuttii ta’e waan addaadha, jaalalaa fi haqa Waaqayyoo dhala namaa ofii isaatti araarsuu keessatti qabu kan calaqqisiisudha. Galanni Isaaf haata’u!
“Kana duwwaas miti, gooftaa keenya Yesus Kristosiin amma araara waan qabnuufis Waaqayyotti gammaduu keenya in himanna malee.” (Rom. 5:11). “Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan.” (1Phe. 2:24).
3- Du'aa ka'uu
Taatee Seenaa:
Dhugaan du’aa ka’uu foonii Yesuus amantii kiristaanaa keessatti giddu galeessa, dhiifamuu cubbuu fi du’a irratti injifachuu agarsiisa “
Kiristoos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu.” (1Qor. 15:14)
✍Abdii Jireenya Bara Baraa (Hope of Eternal Life): Taateen gararraatti ilaale kun immoo, amantootaaf abdii du’aa ka’uu ofii isaanii fi jireenya bara baraa qabaachuu, abdii injifannoo Kiristoos keessatti hundee qabu ni kenna.
4- Sadan tokkichummaa
✍Waaqa Tokko qaama Sadiin (One God in Three Persons):
Barumsi Sadan tokkichummaa, Waaqayyo Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutti kan amanu ta’uun isaa Kristaanummaa adda taasisa. Hubannoon eenyummaa Waaqayyoo kun hariiroo Waaqummaa keessa jiru cimsa.
@Jaala_Dhugaa