Wangeelli Maatewos, Yesus Masihii ta’uu Isaa kan ibsu yoo ta’u, kanas gama leencummaa Isaatiin Leencicha gosa Yihudaa [sanyii Abrahaam…sanyii Daawit] keessaa ta’uu Isaa eera. Kanaaf Wangeela Maatewos keessatti hidda dhaloota Yesus yommuu ibsu Abrahaam fi Daawit wajjin wal qabsiisa. Yihudoonni kan isaan ittiin dhaadatanii fi himatan sanyii Abrahaam yookiin hortee Daawit ta’uu isaanii ti.
Wangeelli Maarqos immoo Yesus hojjetaa ta’uu Isaa, bifa garbummaa fudhatee hamma du’a fannootti obsaan akka danda’e kan nu agarsiisu yoo ta’u, kun immoo bifa uumama lubbuu qabuu keessaa ‘Sangaa’ isa jedhu sanaan wal hiika.
Wangeelli Luqaas ‘Yesus ilma namaa’ ta’uu Isaa ibsuuf sanyii dhala namaa Yoseef Kaadhimaa Maariyaam irraa kaasee hanga Addaamitti lakkaa’e. Kun uumama lubbuu qabu keessaa ‘Nama’ isa jedhu sana nuuf hiika. Yesus ilmaan namootaa fayyisuuf guutummaatti namummaa fudhachuu Isaa nu hubachiisa.
Wangeelli Yohannis immoo Yesus Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaa gad itti qabee kan nu barsiisu yoo ta’u, kun immoo bifa uumama lubbuu qabanii keessaa ‘Joobiratti’ fakkeeffama. Macaafni Qulqulluun akkuma jirutti Kristos Yesusiin agarsiisaam. Egaa warreen kun hundinuu wal ta’anii sagada addaan hin cinne Gooftichaaf dhi’eessu. Dhoksaan fayyina keenyaa yommuu nuuf ifu nuyi mata duree galataa baay’ee malee, mata duree kadhataa hidhii xuuxuun itti baay’atu hin qabaannu. Mootii guddicha akkasiitti waamamnee jirra. Wangeelli arfan roga arfan Yesus ittiin mul'ate kan ibsuu dha.
@Jaala_Dhugaa