TEENSHIINII
Yeroo tokko-tokko ni beektu muuddiin dubbisaa kun lafuma isheen buute dhabda.Ni baddi. Suma of gatee dubbisa irraas fagaatee mana bunaa wayii taa'u barsiisaanke 'class group 'irratti "You have an exam tomorrow morning at 2:30 LT"jedhee barreesseeru argita. Amma lafti akka sitti maruu tahee gad teessee waa murteeffatta. Ammaa eegaltee hanga booru ganamaatti dubbistee fixuu akka qabdu murteeffattee gara labrary'tti kutta.
Labrary akkuma geessee dubbisuu eegalteen xiqqoo dubbistee page[slide) hangam akka si hafu lakkoofta. Homaa achi siiqaa hin jiru. Ammas saa'atii tokko booda irra deebitee lakkoofta homaa akka kanaattii torbee dhufuyyuu waan fixxu miti. Takka online seentee search goota. Takkammoo highlight irruma keessa illee dubbiseen fixuuf yaala jettee jalqabda. Waa irra fiigdee hammam akka hubachaa jirtu yoo itti yaaddu garaatu si gubata. Ka'eemmoo waa Axareeraa qabadheen yaala jettee waraqaa cittuu wayii irratti carcar gochuu eegalta."Dhuguma kana hunda keessaan axareeraa baasee fixaa?"Jettee miira abdii kutannaan waraqicha cirta. "Waan fedhe haa dhufu ka'emmoo mucaa cimaa sanarraa copy godhuu laata?"jettee ofitti gungumuu eegalta. Gidduutti immoo barsiisichi hamaa tahuusaa sanuu Hiriyaa isaa waliin akka qoru yaadatta. Kunis hin milkoofne.
Jireenyi Eebbicha-eebicha sitti jechuu eegalti! egaa amma addunyaan yaadaa si fudhatee bada. Qabxii meeqarraa akka qoramtu teessee yaadda. sana keessaa immoo hammam deebisuuf gahumsa akka qabdu calculate' goota. dubbiin toora -toora sijalaa gadhiisti. Otooma akkanan dhiphattuu halkan keessaa saa'atiin 5:00 taheeru argita. Miira aariitiin gara doormiitti kaata. Ijoolleen doormii dubbisaa akka jiran argitee isaaniniin akka ooduu wayii taatee sireekeerra uffata halkanii keessa galtee akka nama dubbisaa oolee dadhabbette ciista.
Kanuma gidduutti ijoolleen doormiike kun gaaffii waliif baasanii wal gaafachuu eegalu. Ati riphxeema dhaggeeffatta. Siinis si waamu akka nama rafeetti jalaa didda. "Amma gaaffii kanafaa nan beekaaayi?"jettee yoo of gaafattu jarri waan department biraa barachaa jiran sitti fakkaata. Hiriyyoonni Doormiike kun yeroo isaan gaaffii kaasanii irraatti wal falman siin garaan gubatee akka nama hirriba keessaa nahee ka'eette "Maaloo nan jeeqiinaa rafaan jira dadhabeera!"jetta. Isaanis waan ati dubbisa fixxee nuffiteettu itti fakkaatee callisu.
Hirribni dhufuu hin ooltuuti raftee ganama of barta. Yoo hirribaa kaatu ammas jarri doormiike kun dubbisaama jiru. waan gootu dhabdee deebitee ciista. silaas dubbistee hin xumurtu waan taheef abdii kutachuu keetiga. Kanuma gidduutti osoo ciistee online fayyadamtuu "Your exam is postponed to next week!"jedhee barsiisanke sun group sana irratti barreessa! Amanuu dadhabda. Hiriyoota ke dubbisaa bulan sanattis himta. Isaan aariin of nyaachuu eegalu. Siif garuu Cinqiitu sirraa godaane. Teenshiniitti nagaa dhaamta. Dhibaa'ummaa keetti qaanofta!
Jaraaf lafti ganama barii'e siif garuu erga kaleessaa amma reefu barii'a!
Michuudha!Galatoomaa!