Qoodinsi baasii nyaataa barattoota yunivarsiitiiwwan of danda’aniif karaa sadiin hojiirra akka oolu ibsame.
Itti gaafatamaan dhimma bulchiinsaa damee barnoota olaanoo Ministeera Barnootaa obbo Abdu Naaser Rippoortaraaf akka himanitti, barattoonni ramaddii mootummaan yunivarsiitiiwwan of danda’anii keessatti baratan tajaajila nyaataa guyyaa guyyaa irraa fayyadamoo ta’aa jiru yoo ta’e, baasii kana qooddachuuf dirqama ta'aa jedhan.
Qondaalli kun akka ibsanitti, yunivarsiitiiwwan of danda’an keessatti barattoonni gosa sadii akka jiran; isaanis,
Kaffaltii guutuu kan danda’an, yuunivarsitichi baasii isaanii kan uwwisuu fi baasii qooduuf itti gaafatamummaa kan qabaatan tahuu eeraniiru.
Yeroon barnootaa xiqqaan barattootaa waggaa afur (4) yoo ta’u, yeroo kana keessattis barataa/ttu tokkoof nyaata waliin qooddachuuf baasii qarshii kuma 120, fi barnoonni fayyaa waggaa torbaa (7) ammoo qarshii kuma 210 akka ta’u ibsaniiru.
Sadarkaan qoodinsa baasii nyaataa barattootaa tokkoon tokkoon yuunivarsitiilee keessatti adda adda. Kunis shallaggii turtii sagantaa barnootaa barattootaa irratti hundaa'uun akka ta'u itti gaafatamaan kun ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee bara kana barattoota kuma 5 simateera. 2,500 ofumaan kan kaffalan yoo ta’u, baasii qoodamuu kan hin qabne ta’uu ibsameera. Barattoonni 2,500 hafan ammoo baasii mootummaa idilee qooddachuuf ulaagaa hin guutan; Isaan keessaa gariin isaanii yunivarsiitichaan akka uwwifaman ibsaniiru.
Barattoota yunivarsiitiif baasii nyaataa guyyaa guyyaan Mudde 1, 2017 irraa eegalee qarshii 100 akka ta'u murtaa'eera. Ministeerri Barnootaa barattoota yuunivarsiitiif menu walfakkaataa qopheessee yunivarsiitiiwwan hundaaf erguun isaa ni beekama. #Reporter
http://t.me/OromiaStudent_s