#Alibaba #AliExpress #Birr
Gaazexaan Kaappitaal akka gabaasetti Aliibaabaan guyyaa boruu irraa eegalee Itiyoophiyaatti kaffaltii Birrii fudhachuu ni eegala.
Dhaabbanni daldala elektirooniksii addunyaa Aliibaabaa Wiixata gurraandhala 17, 2017 irraa eegalee kaffaltii Birrii Itiyoophiyaan fudhachuu akka jalqabu beeksise.
Tarkaanfiin kun lammiileen Itoophiyaa AliExpress irratti salphaatti fi maallaqa biyya keessaa isaaniitiin akka daldalan ni taasisa jedhameera.
Aliibaabaan murtee kana kan murteesse fayyadamtoota Afrikaa biratti dhaqqabamaa ta’uu fi hirkattummaa kaardii liqii idil-addunyaa fi maallaqa biyya alaa irratti qabu hir’isuuf akka ta’e himama.
Tarkaanfiin kun sirna kaffaltii idil-addunyaa irraa kan ka’e gufuu guddaa Afrikaanota mudate furuuf kan kaayyeffate ta’uunis ni amanama.
Kana jechuun lammiileen Itoophiyaa amma AliExpress irratti meeshaalee adda addaa yeroo bitatan maallaqa Birrii isaaniitiin kaffaluu ni danda'u jechuudha.
Aliibaabaan kana galmaan ga’uuf dhaabbilee tajaajila kaffaltii dijitaalaa Ityoophiyaa keessa jiran waliin tumsa uumuu isaa beeksisuu isaa Gaazexaan Kaapoitaa gabaaseera.
https://t.me/Oromiastudent_s