Oromiyaatti bara kana Barattoonni kumni 200 ol Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ni fudhatu – BBO
Naannoo Oromiyaatti bara Barnootaa 2017 barattoonni kumni 200 fi kumni 12 fi 600 ol Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.
Naannichatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa waraqaa fi Onlaayiniin kennuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Haaluma kanaan barattoonni kumni 200 fi kumni 12 fi 600 ol qormaata biyyaalessaa kan fudhatan ta’uu eeruun, Qormaaticha Waraqaa fi Onlaayiniin kennuuf qophiin barbaachiisu taasifamaa jiraachuu himaniiru. Kanneen keessaa % 47 shamarran ta’uus eeraniiru.
Barattoota qormaata fudhachuuf jiran keessa % 59 Saayinsii Umaamaa kan fudhatan yoo ta’uu, % 41 ammoo qormaata Saayinsii Hawaasaaa akka fudhatanis ibsaniiru. Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu 7’n jiran keessaa barattoonni 711 ol yeroo jalqabaaf qormaata kan fudhatan ta’uu himaniiru. Barattoonni kumni 50 ol onlaayiniin akka qoramaniif haalli mijataa jiraachuu kaasaniiru.
Wiirtuuwwan barattoonni qormaata Onlaayiniin itti qoraman adda baafamaa jiraachuus dubbatani, Wiirtuulee kanneenitti haalli mijataa jiraachuu himaniiru, Bara darbe yeroo jalqabaaf onlaayiniin qoruuf sodaan garaagaraa turus bu’aan isaa olaanaa waan ta’eef bara kana muxannoo bara darbeerraa argameen adeemsicha caalmaatti fooyyeessuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Galteewwan qormaatichaaf barbaachisan guutuuf qaamoolee dhimmichi ilaallatu wajjiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Barattoonni Barnoota isaanii idilee xumuruun qormaataaf qophii barbaachiisuu akka taasisan, akkasumas barsiisoonnii fi maatiin gahee isaanii akka bahatan Dooktar Tolaan dhaamaniiru. #FBC
https://t.me/Oromiastudent_s