Dubbii Qabdii Dubbisi
Gaaftokko bakka abbaan warraa
Mana hin jirretti
Jaldeessi niitii leencaa
Argate dirreetti
Humnaaf dandeettisaa
Waa'ee gootummaasaa
Waan hu**uusaa diimesse
Dhiirummaa jedhee fakkeese
Booroo manaatti ol ba'ee
Yeroof mootii niitii leencaa ta'e.
Yeroo leenci alaa galu,
Niitiin fuula jijjiiratte.
Nyaara sassaabbattee,
Kan biraa fakkaatte.
'Maal taate har'ammoo'jedheen,
Of too'atee miira.
Ati dhiiraa mitii jetteeen
Ol seenii argi dhiira.
Yemmuu leenci booroo manaatti,
Deemsaaf ol akeeku.
Kunoo jaldeessaadha,
Isa inni duraan beeku.
Mootiin yeroof ture,
Baaxii manaatti ba'e.
Iyyaan lafa baqaqse,
Abjuu mootomuu raajii ta'ee.
Baaqum jechaa albaatii xarrisiisa
Baaqum- fincaan sharrisiisa
Baaqumii yoom danda'ee obsa
Baaqum -ammas dafqa cobsa.
Gootummaan yeroof,
Niitii leencaa ittiin dhiphise.
Albaatii of laaqqachiisee,
Jiraatti of salphise.
Gaaftokko bakka abbaan warraa
Mana hin jirretti
Jaldeessi niitii leencaa
Argate dirreetti
Humnaaf dandeettisaa
Waa'ee gootummaasaa
Waan hu**uusaa diimesse
Dhiirummaa jedhee fakkeese
Booroo manaatti ol ba'ee
Yeroof mootii niitii leencaa ta'e.
Yeroo leenci alaa galu,
Niitiin fuula jijjiiratte.
Nyaara sassaabbattee,
Kan biraa fakkaatte.
'Maal taate har'ammoo'jedheen,
Of too'atee miira.
Ati dhiiraa mitii jetteeen
Ol seenii argi dhiira.
Yemmuu leenci booroo manaatti,
Deemsaaf ol akeeku.
Kunoo jaldeessaadha,
Isa inni duraan beeku.
Mootiin yeroof ture,
Baaxii manaatti ba'e.
Iyyaan lafa baqaqse,
Abjuu mootomuu raajii ta'ee.
Baaqum jechaa albaatii xarrisiisa
Baaqum- fincaan sharrisiisa
Baaqumii yoom danda'ee obsa
Baaqum -ammas dafqa cobsa.
Gootummaan yeroof,
Niitii leencaa ittiin dhiphise.
Albaatii of laaqqachiisee,
Jiraatti of salphise.