Kutaa 17ffaa
Ergama keenya – Obboroo
Fuulbana 28 - 2017
Oduu ariifachisaa
Dubbisa macaafa qulqulluu. Wangeela Maatewos 28:16-20
“Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!” Mat. 28:19
Namni tokko yemmuu dubbatu “oduu gammachiisaan tokko oduu gammachiisaa kan inni ta’u yoo yeroo isaatti dhaqqabe qofadha.” jedha. Jechamni kun namoota aadaa waan uumame tokko dafanii nama dhaqqabsiisuu qaban namoota akka keenyaaf salphaatti nuu gala jedheen yaada.
Sababiin isaas gammachuus ta’ee gadda namatti himuun uummata keenya keessatti kan bekameefi kutaa jireenya keenyaa keessaa isaa tokkoodha.
Egaa isa gaarii ta'e irratti haa xiyyeefannuutii akkasitti haa ilaallu, Jireenya keessan keessatti waanti isiniif ta'uuf jiruu fi wanti gaariin isiniif ta’e jira, garuu oduu gammachiisaan kun yeroo murtaa’eef qaba. egaa namni oduu kana akka isinitti himuuf ergame kuni waan tureef ergaa yeroon isaa darbee osoo isinitti himee maal gootu? Maaltu isinitti dhagahama? Duub deebiin keessan hoo maal ta’uu danda’a? Ergamni wangelaas akkuma kanadha. namni hangam akka jiraatuu fi yoom akka lafa kanarraa darbu hin beeku, yeroo fi haalaan kan murtaa'eedha. namni hammam akka jiraatuus ta’ee yoom akka du’u tasumaa hin beeku. jireenyi isaa yeroof haalaan kan murteeffamedha. Kanaaf ilmaan namootaa jireenya bara baraa akka qabaataniif oduun gammachiisaan waaqayyo biraa ergame jira, isas osoo hin barfatiin namoota biraan yoo dhaqqabsiifne malee misiraachoo ta'uun isaa hafee oduu gaddaa yookiin 'mardoo' ta'a.
Ergaan wangeelaa yeroon kan itti hin kennamnee fi baay’ee ariifachisaadha. Namni hundi dhaga’ee murteeffachuu fi jireenya isaa Waaqayyoo wajjiin araarfatee akka jiraatuuf ergaa dhagahamuu qabudha. kun kan ta’u danda’u garuu yeroodhaan gaafa ergaa kana dhaqqabsiisnedha. Wangeela maatewoos 28:16-20 irratti Abboommiin Ergama guddaa nutti kenname kun waan tokko nu gaafata. Innis hojii wangeelaaf ariifachuu,fi duubatti hafuu dhiisuudha.
Egaa Har'a Ganama yeroo hirribaa irraa dammaqxan waa'ee oolmaa guyyaa har'aa maal karoorfattan. Waa'ee gooftaa keenyaa, nu fayyisuudhaaf hojii fannoo irratti inni hojjete sana eenyutti himuuf yaaddaniittu?. Guyyaan kun carraa tokkodha. Oduu gammachiisaa isa waaqayyo biraa ta'e kana nama tokkoof akka dhugaa baatanii fi du’a irraa akka baraartaniif carraa kanatti fayyadamaa jechuun isinan jajjabessaa.
Kadhannaa
Yaa Waaqayyo, Ati abbaa gaaridha. Nama hundumaa ni jaalatta. Hamma jaalala kee immoo ilma kee tokkicha gara biyya lafaatti erguun mul’istetta. Waa’ee jaalala ati mul'iftee kanaa namoota biroof akka labsinuuf immoo nu filattetta. Har'a nama tokkoof dhugaa isa itti amanne kana hiruu akka dandeenyuuf Ayyaannikee nu haa gargaaru!!! AMEEN.
Kutaa 18ffaan itti fufa...
t.me//Youth4Christ1