Kiristoostu nu keessa jiraatee nu keessaa jiraata jechuun nuti waan tokko iyyuu gochuu hin dandeenyu jechuu miti. Yookaan nuti ga'ee hin qabnu jechuu miti. Kiristoos nu keessaan jiraata taanaan maaf yeroo hundaa hin jiraaturee?? Yeroo nuti kufnu nu keessaa ba'ee hamma inni deebi'utti kufnee?? Nuti yeroo jabaannu Kiristoostu nu keessaa jiraate, yeroo kufnu immoo eenyutu nu kuffise?? Agartanii?? AMBIGUITY guddaadha kun. Kiristoos dhufee dhufee yeroo tokko tokko nu keessaan jiraatee, nu keessaan waan gaarii godhee baduu barbaada miti; EENYUMMAAMA KEENYA KANA QULLEESSUU, GA'OOMSUU BARBAADA! Kiristoos nu keessa gaafa jiraatu waan gaarii nu keessaan gochuu caalaa eenyummaa waan gaarii gochuu, waan hamaa immoo diduu danda'u nu keessatti guddisuu irratti xiyyeeffata. Yeroo jalqabu macaafni qulqulluun "Isin du'oo turtan" jedha malee, "Isin du'oodha" nuun hin jedhu. Dhugaadha, bar-tokko cubbuu isa Addaam irraa nutti darbeen duunee turre. "AMMA GARUU!" karaa Gooftaa JIREENYA arganneerra. "JIREENYA ARGACHUU" jechuumti iyyuu DU'AAN LUBBUI GODHACHUU jechuudhaam. Namootni, "JIREENYA ARGANNEERRA" jedhanii ka'anii, "NUTOO DU'OODHA; WAAN GAARII TOKKO IYYUU GOCHUU HIN DANDEENYU" jedhu. ANOTHER AMBIGUITY! Macaafni Qulqulluun keenya gaalee, "AMA GARUU!" jedhuun guutuudha.
Obbolootako, Nuti du'oo miti. Waan filannu beekna. Waan gaarii gochuuf eenyummaa danda'u Kiristoos irraa dhaalleerra. Garuu HAAREFFAMUU SAMMUUTIIN (Renewal of mind) Jiraachuutu nuuf ta'a. Macaafni Qulqulluun, "OF DIDDIIRAA!" jedha malee, "WAAQAYYO ISIN HAA DIDDIIRU" qofa hin jedhu. "Akkamitti of diddiirra?" yoo jettan, kadhannaa qofaan miti; Guutamuu qofaan miti; Ruqoolee barbaachisoo jireenyaa warra ta'an BIFA MADAALAWAADHAAN fudhachuudhaan. Fiixee waan tokkoo qabattanii kana qofatu ga'aadha jettanii kuftanii beektuu laata? Mee jireenya madaalawaa jiraachaa jiraachuu keessan dhuunfaadhaan sakatta'aa!
Eebbifamaa!
Naa'ol haa eebbifamu!
t.me/Youth4Christ1