#WAAQAYYOO_SI_JAALLATA:
📖 “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”
— 1Yoh. 4:10
Namni kan si jaallatu haala kee, jireenya kee, bareedina kee, qabeenya kee fi wantoota gaggaarii sirraa mullatan ilaalee si jaallata; waaqayyo garuu utuuma ati cubbamaa taatee jirtuu akkasumatti haal-duree tokko malee karaa ilma isaa Yesus Kristos jaalala bara baraa si jaallateera.
Jaalala bara baraa si jaallachuu isaa kanas immoo kan inni ittiin mullise ilma tokkicha qabu utuu hin mararsiifatin dabarsee siif kennuu isaatiini.
Yesus Kristos ilmi tokkichi kunis immoo sababii cubbuu keetiif dhiphatee, muddama kee hundumaa baatee, balleessaa keef waraanamee, sababii yakka keetif reebamee caccabsamee, fayyina kee hundumaa siif xumure.
Waaqayyo hamma kana si jaallachuun isaa, Yesus Kristos fayyina kee hundumaa siif xumuruun isaa jireenya keetiif kaayyoon dinqisiisaa tokko jiraachuu isaa mullisa. Kaayyoon dinqisiisaa kunis boqonnaa fi jireenya bara baraa qabaattee; jireenya gammachuu fi jireenya qannoo tokko akka ati jiraattuudha.
Namni barruu kana dubbisaa jirtu dhuguma waaqayyo si jaallata, Yesus Kristos gatii cubbuu keef du'e, gatii yakka keef du'e; eeyyee innoo dhuguma dhuguma jaalala guddaa fi jaalala bara baraa si jaallata.
Atis immoo isa akkasumatti tola si jaallatee, hojii fayyina kee hundumaa siif xumure, Yesus Kristos kana dhugeeffattee isatti amanuutu sirraa eegama. Obbolee ko kottu gara boqonnaa; jireenya gatiin dhiigaa itti baafamee, siif garuu tola siif kenname kana keessaa hin dhabiin! kottu gara jireenyaa!
Join
🎄t.me//Youth4Christ1