✍️SILLAASEE BOQONNAA 11"FFAA_13"FFAA
==================KUTAA 41FFAA....💁
#Dhumarratti boqonnaawwan sadan armaan olii keessatti Dhugaa baatii waldaa kristaanaa Bara ergamootaa(Bara waldaan kristaanaa jalqabuu) fi kan waldaa kristaanaa gara jalqabaa haa ilaallu 🤝
✓Dhuga_ba'insi kun macaafa (kitaaba) qulqulluu bu'eeraffachuun,hundee amantii waldaa kristaanaa jalqabaa sillaasee(sadan waaqayyo tokkoo) irratti amantu kan ilaallatudha 💁
🤝 BOQONNAA 11"FFAA👇
🤏DHUGAA BA’UU AMANTII KRISTIYAANAA KAN ERGAMOOTAA
========================
Nan amana
Hundumaa kan danda’u Waaqayyo Abbaatti,
Uumaa Waaqaa fi lafaatti,
Tokkicha Ilma Isaa Yesus Kristos Gooftaa keenyaatti,
Kan ulfeeffame Hafuura Qulqulluudhaan,
Kan dhalate Maariyaam durba irraa,
Kan dhiphates bara Philaaxos Pheenxinichaatti,
Kan fannifames, kan du’es, kan awwaalames,
Si’olitti kan gadi bu’e,
Guyyaa sadaffaattis du’aa kan ka’ee
Gara Waaqaattis kan ol ba’e,
Hundumaa kan danda’u, gara mirga Waaqayyo Abbaas kan taa’e, achiis kan deebi’u, warra jiranii fi warra du’anitti faraduudhaaf.
Nan amana Hafuura Qulqulluutti,
Tokkicha Qulqullaa’aa Waldaa Kristiyaanaa,
Tokkummaa Qulqullootaas,
Dhiifamuu cubbuus,
Du’aa ka’uu fooniis,
Jireenya bara baraas,
Ameen!
🤝 BOQONNAA 12"FFAA 👇
🤏DHUGAA BA’UU AMANTII KRISTIYAANAA KAN ATENAATEWOS
=====================
1.Namni fayyuu barbaadu hundinuu waan hunda dura amantiin waldaa kristiyaanaa kan nama hundumaa taate kun amantii dhuga-qabeessa ta'uu isaa amanee fudhachuun in barbaachisaaf.
2.Namni guutummaatti qulqullinatti isa hin eegne hundinuu shakkii tokko malee badiisi bara baraa isa irra ga'a.
3.Nuyi sadummaa Isaatti tokkummaa Isaa, tokkummaa Isaattis sadummaa Isaattis amannee Waaqayyo tokkicha in waaqeffanna; kun amantii kristiyaanaa isa dhugaa dha.
4. Kanas namummaa Isaa waliin utuu hin makin jiraachuu Waaqayyummaa Isaattii gargar utuu hin baasin in amanna.
5.Sababiin isaa immoo qaamni Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluus addaan.
6.Haa ta'u iyyuu malee Waaqayyummaan Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu tokko; ulfinatti, gooftummaatti wal qixxee ta'ee in jiraata.
7.Ilmi jiraachuu Isaatti akka Abbaa ti; Hafuurri Qulqulluunis jiraachuu Isaatti akkasuma.
8.Abbaan hin uumamne; Ilmi hin uumamne; Hafuurri Qulqulluunis hin uumamne.
9.Abbaan iddoo hunda jira; Ilmi iddoo hunda jira; Hafuurri Qulqulluunis iddoo hunda jira.
10.Abbaan bara baraan jiraata; Ilmi bara baraan jiraata; Hafuurri Qulqulluun bara baraan jiraata.
11. Akkas yoo ta'e bara baraan kan jiraatu tokko malee sadii miti.
12. Kan hin uumamneef kan iddoo hundaa jiru tokko akka ta'e, akkanuma immoo kan hin uumamneef kan iddoo hundaa jiru sadii miti.
13. Akkuma kanatti Abbaan hundumaa kan danda'uu dha; Ilmi hundumaa kan danda'uu dha; Hafuurri Qulqulluunis hundumaa kan danda'uu dha.
14.Haa ta'u iyyuu malee hundumaa kan danda'u tokko malee sadii miti.
15.Kanaafis Abbaan Waaqayyoo dha; Ilmi Waaqayyoo dha; Hafuurri Qulqulluunis Waaqayyoo dha.
16. Akkas ta'u iyyuu Waaqayyo tokko malee Waaqayyo sadii miti.
17.Kanaafis Abbaan Gooftaa dha; Ilmi Gooftaa dha; Hafuurri Qulqulluunis Gooftaa dha.
18.Akkas ta'u iyyuu Gooftaa tokko malee Gooftaa sadii miti.
19.Sababiin isaas dhugaa ta'uun amantii kristiyaanaa tokko tokkoon qaamichaa Waaqayyo ta'uu Isaa fi Gooftaa ta'uu Isaa akka amannuuf akkuma nu dirqisiisutti, amantiin kristiyaanaa immoo akka nuyi Waaqayyolii sadii yookiin Gooftolii sadii hin jenneef nu dhorka.
20.Abbaan eenyuun iyyuu hin hojjetamne; eenyuun iyyuu hin uumamne; eenyuun iyyuu hin dhalanne.
21. Ilmi Abbaattii dhalate malee hin hojjetamne; hin uumamnes.
22.Hafuurri Qulqulluun Abbaadhaa fi Ilma biraa kan ba'uudha malee hin hojjetamne, hin uumamne, hin dhalannes.
23.Akkuma kanatti Abbaa tokkichatu jira malee abbootii sadii miti; Ilma tokkichatu jira malee Ilmaan sadii miti; Hafuura Qulqulluu tokkichatu jira malee Hafuurota Qulqulluu sadii miti.
24.Qaama sadan kana keessaa Inni tokko Isa kaan dura yookiin Isa kaan booddee miti; akkuma kanatti Inni tokko Isa kaan kan caalu yookiin Isa kaanii gadi miti.