25.Kanaafis qaamni sadan kun wal qixxee ta'uu Isaaniitiif bara barummaatti tokko; kana irraa kan ka'e akkuma kana duraatti dubbatametti qaamni sadan kun Waaqayyummaatti tokko; Waaqayyo tokkos; qaama sadan tokkummaa Waaqayyootti in waaqeffanna.
26.Namni fayyuu barbaadu hundinuu waa'ee sadan tokkummaatiif akkuma kana yaaduun isaaf in ta'a.
27.Kana malees immoo fayyina bara baraa argachuudhaaf nama ta'ee mul'achuu Gooftaa keenya Yesus Kristos garaa guutuudhaan amanuun barbaachisaa dha.
28.Sababiin isaas Gooftaan keenya Yesus Kristos Ilmi Waaqayyoo, Waaqayyo ta'uu Isaa, nama ta'uu Isaas amanuu fi dhugaa ba'uun amantii isa sirrii dha.
29.Inni baroota dura Abbaattii kan dhalate Waaqayyoo dha; Inni nama haadha Isaattii fooniin biyya lafaa irratti dhalatee dha.
30.Inni nama lubbuu yaaduu danda'u qabuu fi foon namaa kan uffate, Waaqayyo mudaa hin qabnee fi nama mudaa hin qabnee dha.
31.Waaqayyummaa Isaatiin Abbaadhaa wajjin waluma qixxee dha; namummaa Isaatiin Abbaadhaa gadi.
32.Inni utuuma Waaqayyoo fi nama dhugaa ta'ee jiruu iyyuu, Inni Kristos tokkicha malee Kristos lama miti.
33.Tokko yommuu jennu foon namaa uffate jechuu keenya malee, Waaqayyummaa gara fooniitti geeddare jechuu miti.
34.Dhuguma tokko; tokko ta'uun Isaa qaama tokkotti; tokko ta'uudhaan malee Waaqayyummaa Isaa fi nama ta'uu Isaa walitti makuudhaan miti.
35.Sababiin Isaas foonii fi lubbuun yaaduu danda'uun nama tokkicha akkuma ta'an, Waaqayyoo fi namni Kristos tokko ta'an.
36.Inni egaa fayyina keenyaaf jedhee kan dhiphate, Sii'olitti kan gadi bu'e, du'aa kan ka'e;
37.Gara waaqaatti kan ol ba'e, gara mirga Abbaa kan taa'e, warra jiranii fi warra du'anitti faraduudhaaf achi kan deebi'u;
38.Yeroo dhufa Isaatti namootni hundinuu fooniin du'aa ka'anii waa'ee waan hojjetaniif deebii deebisuuf jiru.
39.Wanta gaarii warri hojjetan jireenya bara baraatti ni galu; wanta hamaa warri hojjetan immoo gara ibidda bara baraatti in naqamu.
40.Kun amantii kristiyaanaa isa dhugaa dha; namni kana hin amannee fi jabeessee hin qabne fayyuu hin danda'u.
✍️ BOQONNAA 13"FFAA 👇
🤏DHUGAA BA’UU AMANTII KRISTIYAANAA NIIQIYAA
====================
In amanna hundumaa kan danda’u Waaqayyo Isa tokkicha Abbaa Uumaa waaqaatii fi lafaa, uumaa wanta argamuu fi wanta hin argamne hundaa;
In amanna kan dhalate tokkicha Ilma Waaqayyoo, Yesus Kristos Gooftaa tokkichatti. Biyyi lafaa utuu hin uumamin bara hundumaa dura Abbaattii kan dhalate, Waaqayyo Waaqayyottii argame, Ifa Ifattii argame, Waaqayyo Isa dhugaa, Waaqayyo Isa dhugaattii argame; jiraachuun Isaa Abbaadhaa wajjin tokko kan ta’e; Inni kan uumame utuu hin ta’in kan dhalate; wanti hundinuu Isaan kan ta’e; Waa’ee keenyaaf, waa’ee fayyina namootaatiif waaqa irraa kan gadi bu’e; Hafuura Qulqulluudhaan Maariyaam durbattii foon uffatee nama kan ta’e; bara Philaaxos Pheenxinichaattis immoo nuuf jedhee kan fannifame; kan dhiphate; kan du’e; kan awwaalames, Macaafa Qulqulluu keessatti caafamee akka jiru; guyyaa sadaffaatti warra du’an keessaa kan ka’e; gara waaqaattis kan ol ba’e; gara mirga Abbaa kan taa’e; warra jiranii fi warra du’anitti faraduudhaaf lammaffaa deebi’ee ulfinaan kan dhufu; mootummaan Isaas dhuma kan hin qabnetti;
In amanna Hafuura Qulqulluutti; Goofticha Isa jireenya kennu; Isa Abbaa fi Ilma biraa ba’u: Abbaa fi Ilmaa wajjin kan Waaqeffamu, ulfina argachuun kan Isaaf ta’u; Isa karaa raajotaa dubbatetti;
In amanna kan nama hundaa kan taate tokkittii qulqullooftuu Waldaa Kristiyaanaa Ergamootaa; dhiifamuu cubbuu kan argachiisu cuuphaa tokkicha, du’aa ka’uu warra du’aniitii fi jireenya bara Isa dhufuuf jirus in eegganna.
Ameen!
#Barumsi Sillaasee(sadan_waaqayyo tokkoo) baay'ee bal'aa fi gadi-fagoo yoo ta'eyyuu ,hubannaa xinnoo akka argannuuf ammaaf waanti muraasni kana fakkaata 🙏
🤝join
🤝Share
🤝 follow godhaa
🤝 Galatoomaa 🙏 🙏 🙏 🙏
t.me//Youth4Christ1