#Hinguddatu_jedhame_ture
------------------------------------
Saayinsiistoota angafaa dacheen kun argitee dabarsite keessaa tokko Siir Yisihaaq Niwuuteen isa tokkoofi #Abbaa_Fiiziksii jedhamee beekama. Yeroo Niwuuteen bara 1642tti dhalate baay’ee qorraa ta’uu isaa irraa kan ka’e akkasumas guyyaan osoo hingahiin dhalachuunsaa (premature) nama jiraatu hinfakkaatu ture. Suuta suutaan cimina argachuun jiraachuu eegale. Waggoonni jalqabaa Niwuuteen mormiin kan guutame ture. Innis abbaa hinqabu ture. Kunis dhalachuu isaa ji’a lama dursee abbaan isaa du’e. Yeroo kanaa eegalee haadha isaatti gaggeessummaan jireenya isaaniifi Niwuuteeniin kunuunsuu akkasumas guddisuun itti ulfaatee ture.
Waggoota hedduu booddee haati isaa Kaaba Wiitinaam jedhamutti yommuu heerumtu, inni immoo akkoo isaa biratti Wuulsitoorpitti hafe. Haati isaa ammas yeroo inni waggaa 14 yeroo lammaffaaf abbaan manaa irraa du’ee ture. Kun immoo akka Niwuuteen mana barumsaa addaan kutee haadhaafi obboloota isaa quxisuu sadan kan abbaa buddeenaa isa lammaffaa irraa argaman kunuunsuuf jecha dirqameera. Yeroo booda carraa Kolleejjii Kiingis barumsa tolaa warra rakkattootaaf godhameen sababa rakkinaa qabuufi akkasumas cimina sammuu isaaf Niwuuteen barumsatti deebi’uun barumsa isaa xumure.
Niwuuteen booda tajajilaa wangeelaa biyya Ingilaand ta’uuf gara Yuunivarsiitii Kaambireejjii koollejjii Tiriniitii deeme. Yeroo sanas isaaf jireenyi salphaa hinturre. Gatii barnootaa kanfalachuuf sa’aa hedduuf pirofeeserota isaaf nyaata dhiyeessuufi hojii garagaraa isaaniif hojjechaa ture. Niwuuteen bara 1665tti barnoota isaa eebbifamuun gara qonna maatii isaa deemuun mana jiraachaa ture. Kunis immoo sababa du’a gurraachota Loondon keessatti taasifameen yuunivarsiitiin hundi cufamee ture. Kanaaf hojii dhabee yeroo hedduuf mana ture. Jalqaba irratti illee argannoowwan Niwuuteen argate illee qaamota adda addaan yeroo yerootti mormiin itti baay’achaa ture. Innis Addunyaaf beekumsa herregaa guddaa (Binomial theory), Ifa halluu torba, teleeskooppii, kaalkuleesii herregaa, ti’ooloojii, seera sochii plaanetootaa, harkisa dachee waliigalaa fi kkf buusee darbeera. Dabalataanis, yuunivarsiitii Kaambireejii bakka bu’uun bara 1689fi1690 miseensa paarlaamaa ta’ee hojjechaa tureera. Bara 1703tti pirezidaantii hawaasa Rooyal ta’ee filatamuun iftoominaafi amanamummaan saayintistoota hedduu gaggeessaa tureera.
------------------
#Maal_jechuuf
---------------------
Har’as akkuma mul’atni keenya fagaatuufi dheeratu, hanguma kana gufuun nutti baay’ata. Namni immoo wanta hundumaa gararraatti hanga mul’ata isaatiin madaalama. Hangi mul’ata namaa immoo hanga inni/isheen wantoota gufuu ta’an bira darbeen/iteen madaalama. Dabalataanis, yoo baay’ee beekneefi baranne, beekumsi keenya kan namaa malee kan Waaqayyoo hindursu. Hanga lafa irra jiraannutti amanamummaafi qajeeltummaan hadaraafi hojii nutti laatamee beeknee fiixaan baasuun dirqama keenya.Waaqayyo bara keessatti mul’ata nuuf haa laatu. Namni mul’ata qabu dukkana keessaan ifa arga. Abbaa, fira, hojii, qarshii fikkf hinqabu hinjedhiin. Ati dhabuu dandeessa, inni si uume garuu waan hunda qaba. Waaqayyo hir’uufi mudaakee guutuu godhee addunyaaf bu’aa akka buustu si haa godhu. ‘Gaaffii addunyaa tokko deebisi malee addunyaatti gaaffii hindabaliin’. Sababni isaa gaaffiin addunyaa baay’ina uummata ishee caala. Kunis nama dhalataa bulurra gaaffii dhalata bulutu caala. Ati amanummaan dhalootaafi dhugaaf hojjedhu, inni ati amanatteefi si uume hojiikee siif hojjeta!
t.me//Youth4Christ1