Har’as akkuma Laaftoo kanaa, jireenya keenya keessatti waan baay'ee taajjabuu dandeenya. Kanneen jireenya keenya irratti mootii ta'uuf fiigan kun hongee hamaa keessa nu dabarsuu hin danda'an. Haa didnu. Namoonni tokko tokko keessumaa hiriyummaa irratti gaaddisan siif ta'a jedhanii kan wal-gatan, kan wal-gufachiisan, kan qoraattii jireenyaa namatti ta'aan kanneen akka Amiinoon mucaa Daawwit ishee obboleettii Abeseeloomiin fafoomsee hin dhiban ta'a. Yoo didde malee kan si naaffisuuf sitti fiigan baayyee qabda.
Har'as, akka Laaftoo kanaa sabni keenya kan inni gaaddisa argate, amantaan isaaf ta'u kana dha, jedhanii barumsa qoraattii ta'e kan Kitaaba Qulqulluu keessa hin jirreen namoonni akka Laaftoof akka Abemeelikiin anatu mootii siif ta'a, anatu sirratti mudamuu qaba, anatu siif beeka, anatu si tajaajiluu qaba humnaan jedhan waan hin dhibneef, seenaan kun barumsa nuuf haa ta'u. Eenyummaa keenya isa dhugaa waaqayyoo nuuf kenne dhiisnee deemuun abaaramuudha. Bakki Waaqayyo nu kaa'e kun bakka biraatti mootii ta'uu irra ni caala. Waanuma hojjechuuf waamamne haa hojjennu, yoo ani keessa hin jiraanne gaariin tokko iyyuu hin hojjetamin ilaalchi jedhu ilaalcha jallaa akka kan laaftooti.
Waa'ee lubummaa isa kakuu haaraa irrattis akkas jedhameera :-
“Akkuma Aaron waamame innis Waaqayyoon in waamama malee, namni tokko illee ulfina lubummaa kana ofiin hin fudhatu.” Ibr. 5:4
Erga Waaqayyo Luba si taasisee deebitee qoraattii hin ta'in. Hafuurri jallaan dhaloota micciiru kun maqaa Yesusiin haa waraanamu!
t.me//Youth4Christ1