'Namatu waa’ee koo itti dhiise, kopha-galeessan ta'e, kan na hubatutu hin jiru, namni natti dhiyaatu hundinuus bu'aa mataa isaatiif malee, anaaf kan dhimmu miti' fi wkf jedhanii namootni yeroo quuqqaa garaa isaanii ibsatan, gariin immoo sababa kanaan abdii kutannaa hamaa keessa akka galan yeroo dubbatan ni dhageenya. Anis komii kanarraa walaba miti. Dhimma kana waliin wal'aansoo qabeera; bitintiree kufeera; copha abdii kootiitti mixixxadhee bakkan kufee ka'ees beeka.
Sana hundumaa booda dhimma kana gad fageenyaan yeroon xiinxalu, cabawwan keenya baay'eesaa duuba yookiis cabawwan nu eelchan kulkufachuu keenya duuba, gamuma keenyaan dogoggorootni kan biroon jiraachuu isaaniin hubadha.
Inni jalqabaa, eessa akka jirru dagachuu keenyadha. Addunyaa cubbuun kufte, kan namoota ofittoo ta'aniin guutte, sanuu namoota gad fageenya dhukkuba isaanii of irratti hin beekne gidduu jiraachaa kunuunsa eegganna. Sanaa ol kan nama ajaa'ibu immoo nuyi warri komannu kunis akkuma namoota qeeqnu sanaa, komee walfakkaataa jala jiraachuu keenya. Nuyis kunuunsa gahaa obboloota keenyaaf laachaa(kennaa) hin jirrukaa! Dagattoota gammachuu mataa isaanii qofa adamsan akka taane ofirratti hin beeknu’oo.
Inni lammaffaan, hariiroon nuyi Waaqayyoo wajjin qabnu utuu hin sirratin, hariiroon nuyi uumama biraa wajjin qabaannu tasuma iyyuu sirrachuu akka hin dandeenye dagachuu yookiis wallaaluu(beekuu dhabuu) keenyadha. Samii irrattis ta'ee lafa irratti kan nagaa buuse dhiiga Kiristoos qofa akka ta'e hin qalbeeffannu. Nagaan dhugaan, gammachuu dhugaan kan argamu harka Waaqayyoo keessa qofaadha. Hundeen rakkoo keenyaa as ta'innaa laata?
Inni sadaffaan, Waaqayyo akka nu gargaaru ni hawwina, inumaayyuu afaaniin baasnee dubbachuu dhiisnus keessa keenyatti Waaqayyoon komachaa oolla. Baay'ee dhamaanee Waaqayyo nu gargaaruu waan dide nutti fakkaata. 'Erga na uumtee dirqama na gargaaruu qabda’ yaadni jedhu wayii diinqa yaada keenyaa keessa riphee jira. Kan nama gaddisiisu garuu qajeelfama sasalphaa Waaqayyo nuuf kenneef illee xiyyeeffannoo hin kenninu. Kadhachuuf yommuu jilbeenfannu illee kadhannaa Waaqayyo biratti fudhatama hin qabneen yeroo nuuf kenname qisaasessuu dandeenya. Waan nun fayyadne kan biraaf yeroo bal'aa qabaanna. Garuu yaada Waaqayyoo hubachuutti daagiidha.
Akkuma Yaaqoob ergaa isaa keessatti dubbatu,
“Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan. 3 Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu.” (Yaq 4:2-3). Kutaan kun kadhachuu keenya dura kaka'umsi nuyi ittiin kadhannu murteessaa ta'uusaa nu hubachiisa.
Namni tokko, ‘Bara baay'een Gooftaa eege, bara baay'een kadhadhe, bara baay'een dhama'e garuu homaa hin buufanne’ jechuu mala. Garuu immoo, ‘Kaka'umsa akkamiitiinan kadhadhe? Akka fedha isaatiittis kadhadheeraa laata?’ jedhee namni of ilaalu eenyu laata?
Kaka'umsa gaarii qabaachuuf immoo duraan dursee gargaarsa (humna) Waaqayyo biraa argachuu barbaachisa(Fil 2:13). Namni Waaqayyoo RC. Sproul jedhamu tokko kitaaba isaa “Kadhata Gooftaa” jedhamu keessatti akka barreessetti, Bara kana rakkoon ulfaataan inni amantoota irratti taajjabu yoo jiraate, namuu Waaqayyo biraa humna argachuu kan hawwu ta'us, Waaqayyo humna isaa caaffattoota qulqullaa'oo keessatti dhangalaasee akka jiru baay'oliin akka hin qalbeeffanne haalaan ibseera. Dhugumayyuu humna nu gargaaru barbaacha bakka baay'ee labna. Maddi humnichaa garuu nu biratti iddoo isaaf malu hin arganne. Akka fedha isaatti utuu hin taanee foormulaa mataa keenyaa bocnee ittiin Waaqayyo harkaa waa eegna. Bu'aan isaas joormaa akkasumaaniiti.