Caaffatootni qulqullaa'oon qajeelfama jireenyaaf nu barbaachisu hundumaa qabu. Garuu eenyu itti dhiyaatee irraa haa baraturee? Namni Waaqayyoo J.I. Packer
“Akka itti waaqeffattu baruuf Macaafa Faarfannaa dubbisi, akka itti qoramsa keessa hulluuqtu(darbitu) beekuuf Macaafa Iyyoob dubbisi, jireenya ogoome jiraachuuf Macaafa Lallabaa dubbisi,…” jechuun gorsa tiksoomaa amantootaaf dhiyeessaa ture.
Egaa yaa obboloota koo, tarii komee keenya garasitti Waaqayyo maaliin akka nu komachaa jiru haleellee haa ilaallannu. Sagalee isaatiif bakka haa qabaannu. Waaqayyo akka nutti dubbatuuf, akka nu qajeelfatuuf yeroo haa kenninuuf. Akka Abrahaam fuula isaa deddeebi'uu, akka Maariyaam miilla isaa jala taa'uu haa shaakallu. Yoos amantiidhaan gara teessoo ayyaana Waaqayyootti dhiyaachuu, ayyaanaa fi araara nu barbaachisu fudhachuu ni barra’oo.
Namni araarri ta'eef immoo komataa hin ta'u. Innis akkuma tola araara argatetti, akkasuma obboleessa torba si'a torbaatama isa miidheef dhiisuuf humna argata. Yoos nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuu barra. Fudhachuu irra kennuun akka nama gammachiisus Gooftaan ayyaana isaatiin waan nu leenjisuuf eeggattummaa jalaa baanee arjaa taana. Yoos Jireenyi hadhaa’e galata guutee irraa dhangala'uun bakka bu'a. Eeyyee Gooftaa wajjin lafti onaan iyyuu iddoo dhaabaa lalisaadha. Dhugaa dubbichaatti gaafa cichinu, obboloota dhugaadhaan Gooftaa jaallatanis argachuun keenya waan hin oolle. Hariiroon nuyi Waaqayyoo wajjin qabaannu wayita sirratu, eebbawwan kanneen biroon sana hordofanii toora galu.
“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama ”(Mat 6:33).
Gooftaan caalchifannaa (priority) jireenya keenyaa nuuf haa ta'u. Amanamummaa isaatti hirkachuun boqochuun nuuf haa ta'u.
“ Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne; isin gorsa koo hin barbaanne, ifata koo hundumaas in tuffattan; kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu. Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas ‘Giddii hin qabu’ jechuutu balleessa. Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus…” (Fak.. 1:29-33).
Kanan dubbisee irraa baradhe irraati!
t.me//Youth4Christ1