#SEENAA_NAMA_BARSIISU
Niilsaan Mandeellaa Yeroo Yunivarisiitii keessatti baruumsa seeraa barachaa turan waan isaan mudate dha. Yeroo sanatti barsiisaa adii Piitar jedhamu qabu ture.
❶ Guyyaa tokko Pirofeesaar Piitar nyaata osoo nyaataa jiruu Mandeellaan nyaata isaa qabatee bira ta'e.
Pirofeesaarichis "Mandeellaa Booyyee fi Gugeen nyaataf walbira hin taa'an jedheen!"
Mandeellaanis deebisee hin cinqaminaa ka'een balali'ee deema jedhee teessoo biraa irra taa'e!
❷ Kanaan kan aaran Piitar guyyaa biraa eeggatanii haaloo itti bahuu barbaadan. Haaluma kanaan guyyaa tokko Pirofeesaarichi kutaa keessatti utuu barsiisanuu Mandeellaa gaaffii tokko gaafatan
"Mandeellaa utuu karaa irra deemtuu osoo boorsaa lama tokko kan #qarshii qabu tokko immoo kan #Ogummaa qabu yoo argite kam fudhatta?"
Mandeellaanis "kan qarshii qabu" jedhee deebise.
Pirofeesaarichis miira moo'ichaatin gowwicha ana osoo ta'ee ogummaan filadha ture jedhee deebiseef.
Mandeellaanis seeqaa "sirrii jette namni hunduu waan hin qabne fudhata" jedheen.
❸ Kana hundaan kan aare pirofeesaarichi adiin waraqaa qormaata isaarratti #Doofaa jedhee bareessee kenneef.
Barattonni kaan qabxii isaanii yoo ilaalan Mandeelladhaaf garuu #Doofaa kan jedhu qofaatu barreeffameef.
Mandeellaanis gara Pirofeesaarichaa deemuun "dhiifama barsiisaa mallattoo kee qofa naaf keessee qabxii koo dagatteerta jedheen" jedhama.
Seenaa kanarraa gabaabumaatti wanti hubannu:
➢Yeroo hundaa gamna ta'uu
➢Ofitti amanamummaa qabaachu
➢Miira aarii agarsiisu osoo hin taane rakkoof fala barbaaduun filatamaa ta'uu nutti mul'isaa.
➢Yaadaan fagaachu akka qabnu nuyi hubachiisa.
➢ Karaa fi iddoo sirrii ofiif kennu fkk fa'a.