Qophaa'aa Ta'i! | Ready YourSelf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌟Jireenyi ati har'a addunyaa kanarratti jiraachaa jirtu kun yeroo hunda akka ati feetu siif ta'uu dhiisuu mala. 💪Wanti ati har'a of harkaa qabduu fi of harkaa qabaachuu keetti hin gammanne, guyyaa tokko si harkaa baduun,meeshichi madda gammachuu namoota hedduu tahuusaa hubatta!!
🔺Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafin, jireenyi rakkina kanaan booda akka waan hin jirretti fudhattee mataa hin cabinii jabaadhu. Bor-guyyaa addaa ta'uusaa beeki!
🌷🌹Jireenya jiraattu keessatti dhiibbaa gaarii uumuuf qabxiilee ''6P'' asii gadii kanarratti xiyyeeffadhu!!
6P
1.Pray/Rabbii kee Kadhadhu.
-Waqaa/Rabbiin kee waan hunda keetii hubadhu!, Kanaaf yeroo hunda madda jireenyaa kee waliin hariiroo qajeeltuu qabaachuu qabda. Hifannaa malee yeroo hunda Rabbi kee kadhu.
2.Plan/Karoorfadhu.
-Namni karoora hin qabne akka xiyyaara koompaasii malee balali'uuti. Jireenya keessatti kallattii sirrii filatanii irra deeman.
Plan=Vision + How to act
Karoorfachuun dura mul'ata jireenyaa, kallattii jireenyaa qabaachutu dursa. Karoorri mala mul'aticha gara gochaatti deebisuuti. Karoorfachuun qisaasa'ama jireenyaa hir'isa.
3.Prioritize/Duraa duuba eegi.
-Karoorsuun waan gaariidha. Waan karoorfatan duraa duuba eeganii gochatti hiikuun ammoo ogummaa gaafata. Yeroo malee akka hin uumamneef, wantoota xiyyeeffannaan murteessanii gochatti hiikuun filatamaadha.
4.Persistent/Cichoominaan itti fufuu.
-Qabxiin kunis baay'ee murteessaa fi ijoodha. Jalqabanii dhiisuun amala namoota dhiibbaa gaarii uumuu danda'aniitii miti. Qeerransa hin qabanii qabnaan ammoo gad hin dhiisan jedhan mitiiree, mala jijjiiranii tooftaadhaan itti deemuun bu'aa guddaa qaba.
5.Patience/ Obsa qabeessa ta'i.
-Aadaa obsaa guddifachuun yeroo hunda barbaachiisaadha. Ciminaa fi laafina, bu'iinsaa fi ba'iinsa, gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi argachuu, gufuu fi qorumsa kamiyyuu obsaan jala dabran. Obsaan warrooman. Haala kamuu keessatti ciniinnadhuu obsi, harka hin kennin.