DURA KEENYA BADHAASA GUDDAATU JIRA!
Waa'ee gonfoowwan dura keenyatti nuuf qopheeyfamanii, akkaataa fi karaa ittiin nuuf kannamuuf jiranii kana beektuu laata?
1✞ Gonfoo Gatii dhugaa nuuf ifeetiif jireenya jiraannu keeysati rakkinaa nurra gahu dandeenyee obsaan darbuun argamtu. "GONFOO JIREENYAA" ja'amti.
📖" Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda'e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira." (Yaq 1: 12) Dabalataan (Mul 2:14a) dubbisi!
2✞ Gonfoo warra fedhii fi seera Waaqayyo eeganii Jireenya waamicha isaanii wajji wal hin faalleeysine jiraataniif qophooyte. "GONFOO MOOHICHAA" ja'amti.
📖"Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha." Filp 3:14
📖" Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu." 2Xim 2:5
3✞ Gonfoo warra naamusa jireenyaa eeggatee jiraateef kannamtu, tan hin badnee fi bara baraan jiraatuu taate. "GONFOO HIN BADNE" ja'amti.
➧" Namni dorgommeedhaaf qophaa'u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana." 1Qor 9:25
4✞ Gonfoo Hojjattoota amanamoo tahaniif kannamtu, tan Gooftaa durati ija jabinaan dhihaachuu nama dandeeysiftu. "GONFOO ABDII FI GAMMACHUU" ja'amti.
📖" Abdiin keenya, gammachuun keenya, gonfoon nuyi dhufa gooftaa keenyaa Yesusitti ittiin isa dura dhaabannee, of jajannu isin malee eenyu ree? " 1Tas 2:19
5✞ Gonfoo Inni kannu Hangafa tiysitootaa tahee, yeroon yeroo mul'achuu Gooftaa ti, warra fakkeenyummaa gaariin dhaloota gaggeeysaniif kan kannamtu dha, tan ulfinni isii gad hin deebine "GONFOO ULFINAA" ja'amti.
📖" Gaafa angafni tiksootaa sun mul'atutti, isinis immoo gonfoo ulfinaa isa gad deebi'aa hin adeemne in argattu." (1Phe 5:4)
6✞ Gonfoo guyyaa firdii Gooftaan Abbaa haqaa tahe warra haqaan jiraatuu fi kanneen deebi'ee dhufuu Isaa eeggataniif kannuuti. "GONFOO QAJEELLINAA" ja'amti.
📖" Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta'in, warra deebi'ee mul'inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna." 2Xim 4:8
DURA KEENYA ABDII GUUDDATU JIRA!
Yaa Jaalatamoo obboleeyyan Kiyya, sababii amanuu keenyaa rakkina nurra gahu hundumaa keeysati dhugaa NUUF IFE kanaaf dursa kannuun, fedhaaf seera Waaqayyoo keeysa akka nurraa eegamuti naamusaan jiraanne, hujii Gooftaa tan karaa ayyaanaa, humnaa fi filannoo Isaa nuti kannamte fiinxaan baasnee, Jireenya fakkeenyummaa qabu yoo jiraanne, yeroo deebi'ee dhufuu Isaa yoo abdiin eegne, akkuma Kitaabni ja'u 📖" Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! Dhiphina obsaan baadhu! Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta'uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!" 2Xim 4: 5
Gooftaan Abbaan Qajeellinaa Guyyaa Mul'achuu Isaa ti, ulfinaan fuula Isaa dura nu dhaabee Gonfoo Nuuf qopheeysees tan JIREENYA ARR'A JIRAANNEEF BADHAASA TAATU NUUF KANNA.
AMMAAS IRRA DEEBI'EETIIN DUBBADHA YOO AKKA ITTI WAAMAMA KEENYAATI JIRAANNE "NUUF ABDII GONFOO BADHAASA HIN BADNEETU JIRA!"
Ameen Haleluyyaa