Sagalee Misiraachoo isa ta’e wangeela fayyinaa kana labsuu caalaa hojii guddaan nurraa eegamu hin jiru. Nuti warri ergamne yoo dhaloota kanatti himuudhaa baanne dhalootni kun eenyurraa dhaga’a ree?Dhageessisuun ga’ee keenya,isa dhaga’anitti amanuun immoo ga’ee dhalootaa ti. Laphee isaanii rukutuudhaan akka amanan gochuunis ga’ee Hafuura Qulqulluu ti.
Har’a ga’ee keenya kana ba’achuutu nurraa eegama. Namni nama waa’ee isaa hin beeknetti hin amanu waan ta’eef waa’ee gooftaa yesus kana namoota hin dhaga’in dhageessisuu qabna. Amanuudhaaf dhaga’uun bu’uura dha.
Egaa guyyaan akka abiddaa gubu tokko dhufuuf jira. Egaa guyyaa kanatti maqaan waammatanii ooluun danda’amu maqaa yesus duwwaa dha. Maqaa kana waammachuu kan danda’u warra itti amane duwwaa dha.Warri itti hin amanin waammatanii ooluu hin danda’an.
Kanaaf namni hundinuu Yesuusitti amanee badiisa kana jalaa akka ooluuf dhugaa haa baanu!.