#Aarsaa_Wangeelaaf_Baafame!
William Tyndale (1494-1536)
Waggoota 487 dura, William Tyndale Macaafa Qulqulluu Laatiin irraa gara Ingiliffaatti hiikuun isaa ifatti fannif*mee muka irratti gub*me. Macaafa Qulqulluu Afaan naannoo sanaatti waan hiikeef qofa ummata duratti gara jabummaadhaan ajjeef*me.
William Tyndale Macaafa Qulqulluu Afaan Ibirootaa fi Giriikii isa jalqabaa irraa gara Ingiliffaatti waan hiikeef hidhamaa, reebamaa fi ari’atamaa ture. Umurii dargaggummaatti qorataa fi hayyuu ti'ooloojii beekamaa Oksifoord ta'ee jiraachuu mannaa, dhugaa sagalee jiraataa isaaf ife nama hunda beeksisuuf jecha miidhamaa ta'e. Waldaan Kaatolikii Roomaa aangoo ishee dhiistee sagalee jiraataa kana dubbisuun gara fayyina Ayyaanatiin argamu akka dhuftuuf dhiibbaa godhe. Kanarraa kan ka’e umurii isaa waggaa 30tti murtiin du’aa itti murtaa’ee gara Beeljiyeemitti godaane. Ari'atamni isaa rakkisaa fi manneen hidhaa kan itti baay'atu ture. Haata'u malee, hiikkaa sana xumuruuf duubatti hin jenne.
Waggaa kudha lamaaf erga ari’atamaa turee booda; Gaafa Waxabajjii 6, bara 1536 addabaabayii magaalaa Biraasels keessatti dhaabbidhaan ib*dda itti qabsiis*nii umurii isaa waggaa 41tti biyya lafarraa godaane.
Macaafa Qulqulluu harka keenyarra gahuuf gatii guddaatu itti kaffalame!