MALLATTOO DHUFAATII YESUUS(II) AMALA DHALOOTA BARA DHUMAA
“bara Nohitti akkuma ta’e bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta’a.” (Mat.24:37)
DHALOONNI BARA NOHII AMALA ATTAMII QABU TURAN?(uma.6:1-12)
“…Waaqayyo yemmuus ,jal’inni namaa lafa irratti baay’achuu isaa ,wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuu jal’aa duwwaa ta’uu isaa in arge”(Uma.6:5)
Dhaloonni bara Nohi dhaloota micciiramaa fi Waaqayyotti mataa jabaatu akka ta’e Macaafni Qulqulluun ni dubbata . Dhaloonni kun amala gurguddoo kudhan akka qaban (uma.6:1-12)yeroo hubannaan dubbifne ni arganna:
Dhaloonni bara Nohi :
1-Dagatoo turan
2-Jal’inaan kan mo’aman turan
3-Waan Waaqayyoon gammachiisu dhiisanii waan isaan gammachiisu faana warra bu’an turan
4-Warra garaa isaaniitti waan hamaa yaadanii qopheessan
5-Humnaan walirratti ka’u turan
6-Deddeebiin isaanii manca’aa ture
7-Xuraa’ummaadhaan kan liqimfaman turan
8-Hojii fooniin mo’amanii turan
9-Warra ejjan turan
10-Yaada Waaqayyoo keessaa ba’anii turan
Dhaloonni bara dhumaas amaluma akkasii agarsiisu. Amalli dhaloota bara Nohii fi kan dhaloota bara dhumaa akka wal fakkaatu Gooftaan Yesus bartoota isaatti dubbateera. Kunis mallattoo bara dhumaa keessaa isa tokko dha.
Akkuma dhaloota bara Nohi, dhaloonni bara keenyaas -Dagatoo dha. Hirribni hafuuraa dhaloota mo'ateera. Dhaloonni bara kanaa jal'inaan mo'amaa dha,waan Waaqayyoon gammachiisu caalaa warra yaada mataa isaanii duukaa bu'anii dha,warra garaa isaaniitti hamaa qopheessan,warra humnaan walirratti ka'an,warra deddeebiin isaanii manca'aa,warra xuraa'ummaan mo'aman,warra hojii foonii fi ejjaan manca'anii fi warra yaada Waaqayyoo keessaa ba'anii dha.
Kanaaf amalli dhaloota bara Nohii fi kan dhaloota bara keenyaa baay'ee walfakkaata. Kunis bara Nohitti akkuma ta'e bara dhufa ilma namaattis ni ta'a inni jedhu raawwatamuu isaa ibsa.