Yoom as geenye salphaattii!
Dur yeroo elementary barannu mucaa Burqaa jedhamutu hiriyaa koo ture. Mucaa callisaa wayii ture. Daree keessattillee deebii hin deebisu. Ana qofatu potentially isaa beeka. Mucaan barnoota baay'ee danda'a. Garuu beekumsa isaa ni dhoksa🥰
Gaafa qormaata qoramnu an Isa bira sababan taahuuf Isa irraan hata. Hatee kahee immoo Akka waanin ofii koo hojjedheetti ijoollee dareef raabsa... Abdiin sobdee jeeqxi malee cimtuudha naan jedhama ture. Namni iccitii koo bare hin jiru ture...
Guyyaa tokko garuu utuu Burqaan gadda irra jiruu barsiisaan abaaramaa tokko qormaata nu qoruu dhufe...
Burqaan sababa abbaan isaa du'eef gadda irra jira. Barattoonni immoo anatti amananii na eegaa jiru... Suuta yeroon galagale barattoota ilaalu qormaata isaan jala jiru dubbisuu dhiisanii ana ilaalaa jiru (qormaata isaanii dugda koo irraa waan dubbisaa jiran fakkaatu😛)
Maqaa baduurra qormaati kun baduu wayya jedheen murteesse... Sagaleekoo ol kaaseen boo'icha keessaa fuudhe... Barsiisaan Keenya rifatee na bira dhufe.
"Maal taate... Rakinatu jiraa" jedhee na gaafate... An calliseeman Burqaakoo jedhee iyya kuukkuu buuse...
"Abbaa Burqaa si'a tokko du'aniiru jabaadhu" naan jedhe barsiisaan koo (hiriyaan Burqaa tokkichi Akka ana tahes hunduu beeka ture)
Anis immimaan kiyya haqachaa... Ija barsiisaan kootii keessa ilaalaa..
"Abbaa Burqaa maaliitu du'e anatu du'e malee" ittiin jedhe🥺