Hundi maallaqaafii maallaqaani!
... Addunyaa rabbiin uume balloo tana osoo hin taane, Addunyaa ilaalchaa, Addunyaa faalamtuu ilmi namaa ifii uummate keeysatti, wanti hundi maallaqumaafii maallaqumaan hojjatamti. Addunyaa faaltoota tana keeysatti, karaan namni baafate hundi maallaqaan -maallaqatti nama geeysa. Xurreen faaltoonni ifii soqatanii ija lamaan banatanii ija sammuu cufatanii irra deeman hundi maallaqatti qaceelchiti. Galmi wanta hundaa maallaquma bira gahuu tahe. Humni jaalalaa ulfaataan hawaa dhuunfatee jiru, iccitiin humna yaadaa fii waliif yaaduu ulfaataan san, humni (funyoon hin mullanne) jabaan namaa fi nama walitti hidhu, haadni jaalalaa kan rahima walitti dhiyeeysee foonii fii foon walitti surgisu, lubbuu - lubburraa lubbuuf uumamte, lubbuun wanti hawaa guddittii keeysaa qaalii taate, humni lubbuu fii lubbuu jidduu jirtu, dildilli yaadaa fii namummaa kan uumamaan diriirfamee hundi diigamee qarshiidhaan qarshitti gurgurame. Ni jijjiirame! ...
Jaalalli qarshii tahee osoo hin taane, namaatu jaalala qarshiitti jijjiire. Obbolummaa fii hiriyyummaan qarshiin jijjiiramte. Namoomni fii sirni namummaa, Siyaasaa fi siyaasni siyaasaa, akkasumatti namoonni siyaasaa fii siyaasni hundi "qarshumaafi". Wanti ilmi namaa dalagu hundi "qarshumaaf" taate. Ilmi namaa wanti uumamee jiru harka 100 keeysaa harki 98 ol wanta ijaan hin mullanne, humna ulfaataa nuun marsee jiru tahuu dagate. Ilmi namaa waan ijaan agaru malee humna guddaa hawaa dhuunfate kan hin mullanne hin beeku. Hunda maallaqaan jijjiiraa jiran! Ilmi namaa Addunyaa gaarii fii bareedduu rabbiin uumamaan bareechee uume keeysatti, Addunyaa faalamtuu mataa isaaniitiin bocatanii Addunyaa faalamtuu maallaqaan hogganamtu uummatan. Addunyaa bareedduu mullattuu fii hin mullannees, ilaalcha faalamaa fii maallaqaan jijjiiranii balleeysan. Qalamni kiyya yeroo waa'ee ilma namaa barreessu imimmaan dhiigaa tufa! Ilmi namaa uumama hedduu nama gaddisiisiisuudha!
—!💔