SIRRA HIN LAALU
Na duubaa na hamattee
Wanti foon koo nyaattuufi
Wanti ati dabarsitee
Diinattis na laattuufi
Duuba koo na hamachuu
Hojii addaa godhattee
Innati halkaniif guyyaa
Na komattuuf dhokattee
Waanuman si caaluufi
Sirra hin laalu anisi
An fuuldura keen deemaa
Booda na nyaadhu atisii
Silattuu na duratti
Hin dubbattu gonkumaa
Duuba kootii darbatta
Jechoota hin taane kumaa
Bakkan ani hin jirretti
Akka sareetti duttaa
Fuuldura koo dhuftummoo
Sodaa Nyaara bubbuttaa
Abadan sirra hin laalu
Sittin aaru namana
An rabbii Koon sodaadha
Isumattan amana
Malee
Dubbii namni nan geenye
Duuba kiyyaa dubbattu
Sanaaf gurra koo hin laadhu
Jarumti itti ha gubattuu
Daandii dheeraan naaf hafa
Kan fuuldura koo taau
Dudduubbatti deebi’ee
Bookeef tafkii hin lakkaa’uu
Korma leencaati malee
Adurree miti nuti
Baqqaa
Fuuldura kankeen jira
Ati na duubaa duti
Na duubaa na hamattee
Wanti foon koo nyaattuufi
Wanti ati dabarsitee
Diinattis na laattuufi
Duuba koo na hamachuu
Hojii addaa godhattee
Innati halkaniif guyyaa
Na komattuuf dhokattee
Waanuman si caaluufi
Sirra hin laalu anisi
An fuuldura keen deemaa
Booda na nyaadhu atisii
Silattuu na duratti
Hin dubbattu gonkumaa
Duuba kootii darbatta
Jechoota hin taane kumaa
Bakkan ani hin jirretti
Akka sareetti duttaa
Fuuldura koo dhuftummoo
Sodaa Nyaara bubbuttaa
Abadan sirra hin laalu
Sittin aaru namana
An rabbii Koon sodaadha
Isumattan amana
Malee
Dubbii namni nan geenye
Duuba kiyyaa dubbattu
Sanaaf gurra koo hin laadhu
Jarumti itti ha gubattuu
Daandii dheeraan naaf hafa
Kan fuuldura koo taau
Dudduubbatti deebi’ee
Bookeef tafkii hin lakkaa’uu
Korma leencaati malee
Adurree miti nuti
Baqqaa
Fuuldura kankeen jira
Ati na duubaa duti