#Maaloo #Daddafi
Gurbaa ergaa gabaabaa (SMS) jaalallee isaarraa barreeffamuuf dubbisuu baay'ee nuffu tokkotu ture. Sababiin isaas ergaan jaalalleen isaa sun barreessituuf yeroo mara Wal fakkaataa fi 'Sin jaalladha', 'Sin yaadee ' fi ' Irbaata kee Nyaatteettaa?' kan jedhu ture.
Halkan tokko utuu inni siree isaarra ciisee jiruu ergaan gabaabaa (SMS) jaalallee isaa Sanarraa barreeffameef! Innis barreeffamuma akka duriiti jedhee waan yaadeef dubbisuu dhiisee bilbila isaa cufee rafe.
Ganama ka'ee yeroo bilbila isaa banutti harmee jaalallee isaa Sanarraa bilbilli bilbilameef.Isheenis boo'aa jaalalleen isaa galgala duutee akka bakkeerraa argamte itti himte.
Gurbichis akka jaalalleen isaa galgala ergaa gabaabaa barreessiteef yaadatee yommuu bilbila isaa keessa ilaalutti ,"Lubbuu koo, maaloo kottu, na gargaari. Namni ta'e tokko na hordofaa jira; Ani immoo mana keetti dhiyoon jira.Maaloo daddafi" jedha ture.
#Dhaamsa
Tarii ati maatii kee ykn fira kee irra deddeebi'ee rakkina Wal fakkaataa sitti himatee si nuffisiise qabdaa?
Rakkinasaa kanaaf hammam gargaarsa gooteef moo daftee nuffitee dhiifte?
Tarii amaluma isaati utuu jettuu rakkoon isaa kun guyyaa tokko jireenya isaa balleessuu waan danda'uuf maaloo utuu yeroo qabduu hamma dandeesse gargaari.
😂😂😂😂🤣😂😅😁
@KottaaKolfaa