Kutaa 109✍️
#Yesus_Irraa_Warri_Dhalatan_Abdii_jiraatu_Qabu.
✍️Warri bifaa fi fakkaattii ilma Waaqayyoo Yesus uffatan, jireenya isaa irraas warri dhalatan abdii jiraataa qabu.
©Abdiin kiristiyaanaa dandeettii fi eenyummaa keenya irratti hundeeffame osoo hin taane, Yesus isa jireenya keenya ta'e irratti hundeeffame.
✍️Macaafni qulqulluun akkuma iddoo adda addaatti waa'ee abdii nutti himu nutis abdii sirrii fi amanamaa qabna.
✍️“Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera.”
— 1Phe. 1:3
✍️Abdii nuti qabnu kun,abdii haala baraa wajjin hin Jijjiiramne dha.“Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.”
Abdii kanaan jireenya moo'ichaa jiraanna.
✍️Warri abdii qaban jireenyicha qabu.
Waaqayyo Abbaa Gooftaa keenya Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara Isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu Isaatiin, abdii Isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. (1Phe 1:3)
Ergamaan Phexros fayyinni kennaa araara Waaqayyoo akka ta’e dubbistoota yaadachiisuun ergaa isaa Waaqayyoo Abbaa fi Ilma Isaa Yesus Kristosiin galateeffachuun kan banuu dha. Achiis Phexros amantoonni “karaa du’aa ka’uu Yesus Kristosiin abdii jiraataa” akka argatan ibseera. Phexros waaʼee “Abdii jiraataa” yommuu dubbatu sirriitti maal jechuu barbaade? Isa nuyi, “Roobni har'a akka hin roobne abdiin qaba” jennu, yookiin, “Qormaata kana akkan darbu abdiin qaba” ... jennu sana miti.
✍️Phexros fayyinni kennaa Waaqayyoo ta’uu isaa mirkaneessa; abdii jiraataa keenya kan nuuf kennu “Dhaloota haaraa” ta'uu keenya ibsa. Akkuma daa’imni dhalachuuf homaa hin goone, nuti lammaffaa dhalachuu keenyaaf eenyummaa keenya irraa ykn waan hojjenne kamiinuu hin qabnu. Du’aa ka’uu Yesusiin Waaqayyoottii dhalanne. Fayyinni immoo eenyummaa keenya jijjira; cubbuuf duunee gara qajeelummaatti, Yesus Kristositti akka jiraannu nu taasise. Haaraa dhalachuun kun akka sababa abdii keenyaatti tajaajila; mirkaneessa fayyina keenyaati'o!
Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuuma jirruu, Inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan. (Efesoon 2:5).
✍️Jechi Giriikii “Abdii” kan jedhu, 'Hawwii fi ofitti amanamummaadhaan eeggachuu” jechuu dha. Abdiin amantootaa kun 'Jiraachuu' qofa osoo hin taane 'Jiraataa' dha; abdii itti fufee jiraatuu dha. Abdii duwwaa fi du’aa addunyaa kanaa irraa adda ta’ee, 'Abdii jiraataa' kan lubbuu amantootaa keessatti humna kennu, jiraataa fi sochii kan godhuu dha. Abdiin keenya inni jiraataan fayyisaa jiraataa fi du’aa ka’e irraa madda. Abdii jiraataan Yesus Kristos dha.
✍️🥰Ergamaan kun Kristiyaanota Eeshiyaa xiqqootti ariʼatamaa turanitti dubbachaa jira. Dubbiin isaa rakkina isaanii keessatti isaan jajjabeessuuf kan yaadame ture. Du’aa ka’uu Yesus Kiristoos irraa kan ka’e egereen isaanii nageenya akka qabu ibsaaf ture. Abdiin isaanii du’a irratti injifannoo fi jireenya du’aa ka’uu Yesus ture. Amantoonni ari’ataman addunyaa kana irratti wanti isaan mudatu kamiyyuu eebba du’aa ka’uu gara fuula duraa fi jireenya bara baraa dhufuun wal bira qabamee ilaalamuu hin danda’u.
✍️🥰Abdiin jiraataan yeroo darbe irratti hundee qaba; innis Yesus Isa du’aa ka'e irrattidha. Yeroo ammaa keessattis itti fufa—Yesus jira; gara fuulduraattis ni jiraata—Yesus jireenya bara baraa, du’aa ka’uu abdachiiseera. Abdii jiraachuun jireenya ammaa kana keessatti gidiraa fi qormaanni yeroo nu mudatu abdii kutannaa malee jiraachuuf nu dandeessisa.
✍️Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa adeema. Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa.