#Hin_Jarjariin
***
Bara duriiti jedhan Gurbaa dargaggeessa tokkotu Durba isaaf taatu barbaadutti baay'ee dhiphachaa Waggoota dabarse. booda keessa #waa_himtuu biyya fagoo bira dhaquuf utuu karaa deemuu, Leenca tokkotti dhufe. Leenci sunis Gurbaa kanaan "Eessa dhaqxa ?" Jedheen. Gurbaanis Iddoo dhaquu fi waan dhaquuf itti hime, Leencichis "Anis Waanan nyaadhu dhabeen eenyuun akkan gaafadhu wallaaleetii adaraa anaafis naaf gaafadhu" jedheen. Gurbaanis "Tole " jedhee bira darbe.
Utuu deemuu Intala Muka jala teessee boossu arge. Isheenis "Eessa dhaqxa ?" Jetteen. Innis Iddoo dhaquu fi waan dhaquuf itti hime. Isheenis Adaraa anaafis naaf gaafadhu jetteen. Tole jedhee bira darbe.
Amma muka Bishaan guddaan jala Yaa'u garuu goggogee dhaabbatu arge, Mukni kunis "Eessa dhaqxa?" jedheen, Gurbaanis iddoo dhaquufi waan dhaquuf itti hime, Mukni kunis adaraa anaafis naaf gaafadhu, bishaan na jala yaa'a garuu Ani dheebuudhaan goggogee" jedheen. Gurbaanis "tole"Jedhee darbe.
Utuu deemuu #waa_himtuu bira ga'ee Erga nagaa Wal gaafatanii booda, Rakkoo isaa hunda itti himate. #waa_himtuunis Furmaata rakkoo isaatii Akka inni yeroo dhihoo keessatti argatu itti hime. Jarreen sadan Sanaafis gaafatee isaaniifis waa himtuun Furmaata isaanii itti hime. Gurbaanis dafee galee Abdii isaa kana mana isaatti eeggachuudhaaf Fiigaa sokke, Achii booda Muka sanatti dhufe mukichis "Anaaf hoo maal jedhe?" Jechuun gaafate. Gurbaanis "Ati wanti bishaan si dhowwe albuuda Baay'eetu, si marsee jira, kanaaf Bishaan karaa sitti goru dhabee, namni dhufee albuuda qotee baasu yoo argame Bishaan argatta" Jedhe, jechuun itti himee darbe,
Intalatti dhufe, Intallis "Kan ko maal jedhe?" Jetteen. "Kan kee Gurbaa jarjaraa tokkotu sitti dhufa inni si fuudha'" Jedhe, jechuun itti himee darbe.
Leenca sanattis dhufee.Leencichis "Kan koo hoo maal jedhe?" Jennaan .Ati gurbaa gowwaa tokkotu sitti dhufaa isuma nyaadhu" siin jedhe jennaan "Gowwaan sumaati jedhee isuma nyaate" Jedhama.