MOO'AMEE HINGALU


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Психология


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)
Hub:-Gaaffii fi yaadaf👉
@meraraf

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Психология
Статистика
Фильтр публикаций


Milkaa’uu yoo feete gatii milkiin gaafatu baruu fi baasuun sirra eegama..
Iskoot Adaam

Take the risk or loss the chance.

Biyya lafaa irra waanti risk hin qabne harka maratanii taa’uu qofa,jijjiramuuf risk taker ta’uu feesisa Namoonni baay’een jijjiramuu ni barabaadu garuu jijjiramaaf aarsaa kanafalu hin barbaadanii

Namoonni baay’een galii/qarshii argachuu barabaadu garuu hojii/biizinaasii galii isiin argiisisuu hin hojjatan

Jireenyi filannoo lama siif laatti:
Jiraachuu yookaan jooruu! Filaadhu


Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa
👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾




Haasaa Ogummaa

Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.

Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.

Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.

Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.

Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama. Maddi, Maaraakii Wag

Galatoomaa
        


#Sammuun_Irreen_Oli!
Qaamaan bilisa ta'anii sammuun gabroomuurra sammuun bilisoomanii qaamaan qabamuu wayya. Baay'een qaamaan qabamee sammuun garuu qabaadhaa oli. Kaanimmoo, qaamaan iddoo fedhe ooluu danda'ullee, yaadaan saanduqa namni biraan hojjeteefii keessa jiraata. Akkanaan gabrummmaa bilisummaa fakkaatu weeddisaa bara lakkaawwata. Hidhaan qaamaa irree keessa; kan sammuus sammuumarraati. Hamma abbaan hineenyamnettis, namni sammuu ofii nama jalaa akka fedhe godhatu hinjiru. Sababnisaas eenyuyyuu hidhaa ittiin sammuu nama biraa hidhu ofharkaa hinqabu.
Abbaan irree/humnaa, humnasaan nama reebuu danda'a; qabees iddoo barbaade nama geessa ta'a, garuu sammuu namaa ofharka galfachuunsaa waan hinyaadamne. Sammuun irreen oli! Humnaan jabaachuun yaadaan fagaachuu miti; yaadni kan sammuu qofaati! Kanaafuu, qaamakee tikfachuuf yookaan faayidaa yeroof, bilisummaa sammuukee nama biraaf hinkenniin. Sammuun bilisa bahe, qoricha waan hundaati. Warreen qaamaan qabamanii jiranis sammuun qabaman jechuu miti. Sammuun irreen oli! Harka hinkenniin!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~


HOJII FI DUBBII
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gaggeessaan dubbii fi hojiin isaa wal hin fakkaanne namicha mataa moluu, kan qoricha rifeensa biqilchu gurguru ta'a. Daldaltichi ofii mataan isaa moluu dha. Garuu qoricha moluu mataa namaatti rifeensa biqilchu gurguruu barbaada.
❏ Namni kuni maammiltoota horachuu ni danda'a jettee yaaddaa? Anaan garuu natti hin fakkaatu.
❏ Mul'anni gaggeessaa gara karoora qindataatti (SMART) ol guddachuu qaba.
SMART:
➾ S - Specific (Murtaawaa)
➾ M - Measurable (Safaramaa)
➾ A - Acheavable (Kan Bira gahamu)
➾ R - Reliable (Dhugoomuu)
➾ T - Time bounded (Daangaa Yeroo)


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​


Yoo Joobirri Tole Jedhe Lukkuun Gaggeessaa Joobiraa Ta'uuf Hin Saalfattu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Hima kana baay'een jaaladha. Dhugaa dubbachuuf Joobiirri tole jennaan Lukkuun ni gaggeessiti. Bakka oolmaa joobiraa osoo hin taanee bakka oolmaa ishee oolchiti. Hojii
joobirri beeku osoo hin taanee hojii beektu hojjechiisti! Hojii joobirri hojjatu lukkuun
karoora keessaa hin qabdu eessaa fiddee hojjechiisti? Nyaata inni nyaatu isheen
dhandhamtee hin beektu. Oolmaan ishee kosii irra, nyaanni ishee raammodha.

➲ Joobiirri lukkuun gaggeeffamu galma joobiraa osoo hin taanee galma lukkuuti ga'uumsi isaa.

➲ Kanaaf tole jechuu hin qabu malee tole jennaan lukkuun gaggeessuu hin saalfattu. Beekaa taatee osoo jirtuu beekaa ta'uu kee hin beektu
taanaan ati homaayyuu miti. Sababni isaa beekaan akka beekaa ta'ee hin beekne goota
rafedha. Gootni rafe immoo dammaquu yoo baate dabeessatu itti taphata bakka inni ciisutti. Wallaalaa akka siin hin jenneef wallaalaan isa ganaa baratuudha.

➲ Ati gaggeessaa akka gaggeessaa ta'e hin beekne yoo taate yoom illee gaggeeffamaa taatee jiraatta; akka goota rafee kanaati.

➲ Dammaquu si barbaachisa dammaqi! Namoonni dandeettii yookiin kennaa isaanii isa
dhugaa hin beekne gaafa hundumaa bakka amma jiran garasitti waan haaraa arguu hin danda'an. Fageessitee ilaaluu keetu bor deemtee bakka ati geessuuf akeektuudha.

Maddi: Kitaaba Seenaa Moo Seera Sodaannu jedhu kan Waadaa Bultiin barreeffame.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​


ILAALCHA KEEF MOO KAN NAMAAF IDDOO KENNITAA?
▬▬▬▬▬
▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko haadha manaa fi abbaa manaatu baadiyyaa tokko keessa waliin jiraatu turan. Jarreen kun farda tokko qabu. Egaa guyyaa tokko iddoo ta'e deemuuf jedhanii farda isaanii yaabbatanii deemsa eegalan.

❏ Yeroo isaan lama ta'anii farda tokko yaabbatanii deeman namoonni isaan argan akka isaan beeyladaaf garaa hin laafnetti yaaduun itti aaruun hammeessuu eegalan. Yeroo kana abbaan manaa farda irra taa'un haati manaa immoo akka lafa deemtuuf murtessaan.

❏ Ammas Namoonni biroo isaan argan maal abbaan manaa ofittoo fi kan haadha manaa isaaf kabaja hin laanne jechuun isa arrabsuu eegalan.

❏ Namichi kunis dubbii namoota kanaa baqachuuf jecha ofii isaa farda irraa bu'uun haadha manaa isaa farda yaabsisuun ofii isaa immoo lafoo deemsa eegale. Yeroo kana immoo namoonni isaan argan abbaa manaa kanatti kolfuu eegalan. Akka inni gowwaa ta'eetti fudhachuunis hedduu itti qoosan.

❏ Dhuma irratti jarri lachuu lafoo isaanii deemuuf murteessan. Farda isaaniis harkisuun deemsa eegalan. Yeroo kana namoonni isaan argan hedduu raajeffamanii akkas jedhan
"Maal maatii gowwaa fi homaa hin beekne kun kan farda qullaa dhiisanii lafoo deeman!" jechuun isaan arrabsan jedhama.

Egaa obbolee koo meeqan keenyatu akka sammuun keenya nu ajaju dhiifnee gaggeessummaa nama biraan jiraataa jira?

✧ Hedduun keenya jireenya jiraannu akka waan namaaf jiraannuu, akka ebelu ta'eef, hafee malee jechuun kan kaayyoof karoora keenya dhiisne lakkoofsa hin qabnuum.

✧ Waan hiriyyaan isaa itti qooseef/ittiin mormeef qofa kan ajandaa karoora isaa jijjiiru meeqaf meeqatuu jiraam!

✧ Jireenyi kan jiraatamu akka nuuf mijatee fi haala keessa jirru waliin walbira qabuun malee ilaalcha namoonni nuuf qabaniin har'aa bor kan jijjiiraa oollu miti.

✧ Kanaaf kaayyoo itti amante sana hanga galmaan geessutti jecha namaa fi arraba namaa isa akka eboo nama waraanuuf bakka hin qabaatin! Deemsa kee itti fufii milkaa'i!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​


Beautiful life, I deserve!


#Imala kee dursii kana #hubadhu!
'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!

Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.

Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.

Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!

Kan siif jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu. Waliif #Share gochuu hin dagatinaa Viv Abdisa Ejeta


Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa
👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾




           Galatoomaa
        




SEENAA HOJJADHU!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Anii fi ati yoom, maal goonee seenaa galmeessifnaa?
⁃ Deebiin isaa yoo akka seenaa nuti qofti galmeessisuuf dhalanne jiraachuu isaa beekne qofaadha.
⁃ Gaaffin akkas jedhu osoo amma akka tasaa siif dhiyaatee maal goota?
"Osoo addunyaa kana irraa har'a godaanta(duuta)" siin jedhanii maal goota?

⁃ Kanaaf seenaa gaaf ati duute afaan boollaa irratti qofa dubbifamu hin qabaatin!
Seenaa gaaf ati duute boodas si wajjiin turu qabaadhu! Addunyaan namoota seenaa isaanii waraqaa addaa irratti beeksifataniif iddoo qabdi.

⁃ Akka addunyaan kaatee si simattus ta'ee, akka addunyaan teessoo godhattee si irra teessus kan godhu filannoo keeti!

⁃ Seenaa kee haala addaa fi waraqaa addaa irratti galmeeffachuu kan danda'u
SI'I MATUMA KEETI! SEENAA KEE SUMATU GALMEEFFATA!

⁃ Seenaa dubbifamuu fi galmeeffamu qabaachuuf dirqama seenaa hojjattee hin dhalattu, garuu seenaa hojjachuu qabda.

Kanaaf seenaa hojjachuuf akka dhalatte immoo hin dagatin!
➦ "SEENAA HOJJACHUUF DHALATTE."

➦ ᴄнαииєℓ кαиα ᴊᴏιи gσᴅнαα gσʀѕα χιиѕαммυυ αᴅᴅα αᴅᴅαα αʀgα¢нυυf 👉 "ᴍɪʟᴋᴀᴀ'ɪɴᴀ ᴊɪʀᴇᴇɴʏᴀᴀғ" @Gaggeessummaa

Вαккα ʝιʀтυттι нαмтυυи ѕιи нιи αʀgιи Gαммα¢нυυᴅнααи ʝιʀααᴅнυ!

Obbolootaaf #share godhiifikaa!!!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​


BUSINESS HOJJEDHU!
Кυтαα 1ffαα

▬▬▬▬▬▬▬▬
➦ Qarshii qabaachuuf hojjachuun dirqama, hojjachuuf ammoo dandeettiif tooftaan barbachisaadha.

➦ 'Business' tokko hojjachuuf tooftaalee ➓:

→→→→↓↓↓↓↓

【1】Iccitii itti namaa waliin hojjettu malee iccitii hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin!

【2】Waan sii harka hin geenye abdattee hin gammaddin, yoo dhabdee ni miidhamta

【3】Hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu, waan dandeessu hundaa hojjedhuu!

【4】Waan xiqqoo hojjatteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyu sii mul'isaati.

【5】 Amma dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne san yaaddee of hin jeeqin sababa kufaatii keetii san irraa baradhu malee!

【6】Yoo dandeesse nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin heddummeessin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati.

waan hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu! akka isaa/ishee ta'uuf osoo hin taane isa/ishee caaluuf hojjadhu!

【7】 Waan guddaa bor hojjattu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin yookiin hin balleesin! maaliif seete, xiqqoon kun guddaa san bira gahuuf riqicha ce'uumsaati.

【8】 Waan hojjechuuf yaadde dursitee hin odeessin! Namni qabeenyaan si caalu suma irraa dhaga'ee si dursuu danda'aati.

【9】 Yoo dandeesse abbaa ogummaa waan tokkoo ta'uuf yaali! Maaliif seete? Ogummaan akka qarshii miti, argattee kaatee hin dhabdu.

【10】 Kaayyoon kee yoo galma siif gahe of qofaaf hin jiraatin! Lammii keetiif waan gochuu dandeessu hunda godhi maaliif seete:-

●️ Dandeettii osoo qabuu kan carraa dhabetu jira, karaa itti argisiisi!
●️ Maallaqa osoo qabuu kan nama (hiriyaa) dhabetu jira, amanamiif!
●️ Waan hunda hojjechuu osoo danda'uu kan roorroon itti heddummatetu jira waan ta'eef siif jira jedhii aantummaa kee mul'isiif!

Har'aaf kanuma...

Yoo sitti tole hiriyyoota keetiif share godhi! linki kanaa gaditti caqafame cuqaasuun #join gochuudhaan hordofaa!

Galatoomaa Qomoowwan koo!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​


KAN AMMAA AMMUMA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Mee takkaa as gori. Asuma gara dubbii kanaatti. Boodan deebi'aatti kan boodaatu si qabata. Yaadaa fi qalbiin dhuftee? Galatoomi! Dubbichi dubbii salphaa miti! Baay'een kana hubachuu dhabuudhaan warqee fi albuuda dhalootaaf isaan keessa jiru ukkaamsuun imala achiin hafuutti sokku.

■ Amaleeffannaa gatii hin qabne, dhaala dhalootaaf hin malle, kan jaarraa duraa irraa isa hafootti darbee miidhu ta'uu isaaf bakki awwaalchaayyuu ragaadha. Eeyyeen bakka awwaalchaa!

➪ Argannoo haaraa,
➪ Kalaqa hedduu,
➪ Qabeenya hin tuqamne,
➪ Beekumsa humna guddaa qabu baay'eetu lafa awwaalchaa jira.

■ Kuni immoo, galaa fi galma dhalootaatti hongee buusuun rirmaaf hiixannaa hiikkaa hin qabne ta'a. Kanaaf sababni isuma waliin ilaaluuf jirru, summii dhalootaa sana!

■ Maalinni laata? Dalagaa har'aa beellamaan dabarsuu sanidha! "Booda,...bor,....bor oolee,...bara dhufun dalaga," isa jedhamu. Dalagaa har'aa boruuf qusachuu isa ta'e. Qusannaa ba'aa malee bu'aa hin qabne!

■ Gochaa yookaan dalagaa har'aa boruuf ol kaawwachuun qusannaa osoo hin taane qisaasa'insa yerooti. Yeroon qisaasa'e immoo abbuma isaa aarsaa hin malle kanfalchiisa. Dalagaan har'aa har'uma malee kan boruuf taa'u miti. Yoo boruuf darbe kan borus boruuf jira.

■ Amaleeffannaan akkanaas teessoo jireenyaa ofiitti dhibaa'ummaa affeera. Dhibaa'ummaan affeerame immoo dhiibee hiyyuummaa gam-hundaatti nama kenna, galaa dhalootaas lolaa badiisaatti darbata.

■ Kanaafuu waan amma dalaguun nurra jiraatu ammuma haa dalagnu. Kana fiixaan baasuuf, akka dalagaa har'aa bulfachuun nu miidhu baruun isa jalqabaati. Isa osoo beekiin, haala akkanaan dabarsaa turreefis ofiif dhiifama gochuun fala.

■ Kanaa booda gara hojiitti galuudha. Tole! Dalagaa har'aa bulfachuu dhiisuunis egaa beellama hin barbaaduutii, ammumaa haa eegallu. Kan ammaa ammumahoo, amma isuma ammaa! Hayyee!
➦ Kan ammaa ammuma!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ


GAARUMMAA NAMAAF OOLUU
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Bar tokko Namtichi tokko osoo Fardaan
gaara guddaa tokko ba'uu, namticha naafa
tokko, osoo inni gaara sana foqoqaa ol ba'uu
arga!

■ Namtichi naafti kun, "Adaraa Gooftaa koo, karaa xiqqoo na uddeelladhu?" jedhee gaafata!

■ Namtichi abbaa fardaas garaan isaa
gaddeefii, "tole obboleessa koo, fardi koo hanga
danda'etti waliin deemna" jedheenii, farda isaa irraa bu'ee, namticha hammatee ol baase!

■ Karaa xiqqoo akka waliin deemaniin, Namtichi naafti sun, "Gooftaa koo, baay'ee naaf mijataa hin jiru, sababan naafa ta'eef miilli koo na dhukkubaa jira!" jedheen.

■ Abbaan fardaas, "Maarree akkam yoon siif godhe siif mijata?" jedhee gaafate! "Karaa xiqqoo osoon qofaa koo deemee, ati miilli kee fayyaa waan ta'eef, buutee miillaan osoo deemtee natti tola" jechuun deebiseef!

■ Abbaan fardaas baay'ee waan gaddeefif, "Haa ta'u, ani siifan bu'a ati ittiin deemii" jedhee irraa bu'eef!

Karaa muraasa abbaan Fardaa miillaan, Namtichi naafti sunis, Fardaan deemani.

■ Sanaan booda abbaan fardaa, "Waanan dadhabeef na eegi!" jedheen, Namtichi naafti sunis dhaabeefii, karaa xiqqoo akka waliin deemaniin, Abbaan fardaa
ammas gaddeefii, irraa bu'ee miillaan deemuu
eegale!

■ Namtichi naafti kun garuu, Farda
gulufsiisaa, baay'ee irraa fagaate!

■ Abbaan Fardaas, fiigu, fiigu, bira ga'uu
hin dandeenye! achii booda sagalee isaa ol
kaasuun akkas jedheen,

■ "Adaraa kee waan biraa waanan barbaadu hin qabu, waanan sitti himu qofa na dhaggeeffadhu!" jedhee iyyee itti hime!

■ Namtichi naafni sunis, abbaan fardaa, isa bira ga'uu akka hin dandeenye, erga mirkaneeffatee booda,

"Tole maal jechuu barbaaddee? .. si dhaggeeffachaan jira itti fufi" jedheen itti qoosa!

■ "Obboleessa koo, gochaa anarratti raawwate kana, nama biraatti hin odeessin, gara fuula duraatti, Addunyaa kana irratti, namni gaarummaa namaaf oolu ni dhibamaati" jedheen jedhama!
Horaa Bulaa



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ


DUUBAAN DHA'UU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namoonni hojii namaa jajjabeessan bakka tokko
tokko jiru, namoonni akkasii warra sammuu qaraa, milkaa'uu namaa jaallatanidha.
Haa eebbifaman jedheen darba.

➢ Biyyi keenya Kan fagaattee toora biyya guddatanii hin hiriirreef, duubaan dhooftonni
waan itti baay'ataniifi. Duubaan dhooftonni waan hojjetan hin qaban, fuula addunyaatti
bahuufis mul'ata gahaa waan hin qabneef duubaan qawwa gochuu hojii idilee godhatanii
jiraatu.

➢ Amaloota duubaan dhooftotaa muraasa yoo ilaalle:
➊. Qirixuu malee, aramanii guddisuu hin beekan!
➋. Karaa ittiin cabsanii nama tattaafataa hadoochan xiinxalu.
➌. Ofii hamma uka qubaa hin hiiqan, isa tarkaanfatetti gufuu ta'u.
➍. Yoo si qaanessan boqotu!
➎. Hojii kee kabajuu caalaa hojii isaanii isa rakasatti boonu.
➏. Ati hojii hiiktee taa'uu kee abjootu.

➢ Duubaan wal dha'uun bu'aan isaa hiyyuma keessa foqoquudha. Keessattuu dargaggoonni dargaggoo irratti ilaalcha hinaaffaan dhiibamanii
yeroo jechaan karaa duubaa nama cabsuuf dhama'an qaanii guddaadha. Yoo wal jajjabeessuun nutti cime, abbaan jiruu isaa haa jiraattatu! Duubaan deemnee mogolee dhalootaa cabsuun jechaan wal
qirixuun cubbuu!

➢ Tuu na taajjabi! Namuma ati cabsaa ooltutu bor nama ta'ee qaanofta! Kanaa mannaa immoo yoo callifnee ilaalle hin wayyuuree! Hinaaffaan
eenyuuniyyuu achi hin butu, qirixee nama gata malee!

➥ Dhaloonni dhibee hinaaffaan qabaman dhukkubsachaa hafu.
Baga dubbifte!




Dr Abenezer Wakuma

Lecturer
Researcher
Journal editor






Interview Kakuu Maammee (Mamitu Mekuriya) OBN irratti gaazixeessituu waliin goote dhaggeeffadheen hedduu garaa na nyaatte.
Bara dargaggummaakoo rakkina irraa kan ka’e hojii humnaan hojjechaa ture jetti.
Haaluma kana keessa utuu jirtuu gaa’ila dhaabbattee ulfoofti.
Ulfa sanaan hojii humnaa hojjettee utuu ofiif maatiishee jiraachistuu guyyaa tokko Ayyaana waggaatti mana keessa jiraattu qulqulleessuuf teessoo irra dhaabbattee girgiddaa manaa miicaa akka turte dubbatti.
Yeroo kana ulfishee ji’a 5 hanga 6 kan ta’u mucucaattee kufuu isheerraa kan ka’e daa’imni garaa ishee keessatti miidhama.
Dhiigni ishee baayyee dhangala’ee waan tureef gara hospitaalaa deemtee gaafa ilaalamtu daa’imni garaa ishee keessatti akka du’eef ba’uu akka qabu itti himu.
Baasuuf maal akka barbaachisu yeroo gaafattu qarshii 45 naan jedhan jetti!
Isheen garuu yeroo sanatti qarshii 45 of harkaa dhabdee deebitee manatti galti.
Mucaa du’aa garaatti baattee sababa qarshii 45 dhabdeef torban sadii teesse.
Guyyaa sanarraa ka’ee dhukkubbiin akka hedduu itti hammaataa dhufeef dhiigni ishee garmalee akka dhangala’aa ture dubbatti!
Sana booda nyaatas argataa waan hin turreef guyyaa tokko of wal’aaltee akka kufteef namoonni ishee kaasanii gara hospitaalaa akka ishee geessan dubbatti.
Yaalii lubbuu ishee oolchuuf godhameen daa’imni garaa ishee keessatti miidhame ni ba’e isheenis lubbuun baraaramte.
Sana booda akkuma ta’e ta’een mana nyaataa eegale jetti.
Ta’us dhukkubbiin sun akka itti dhaga’amu dubbatti; dubartiin qarshii 45 waan ittiin yaalamtu dhabde qarshii miliyoonaan kaffaltee biyya bakkeetti yaalamtee fayyaa ishee deebifattus sababa qarshii 45 of harkaa dhabdee turteef har’a dhala akka godhachuu hin dandeenye dubbatti!
Isheen har’a dhala hiyyeessaa meeqaaf haadha taatee guddisaa jirti rakkinni yeroof balaa isheetti fide garuu yeroof ishee miidhus dhidhimee bade!
Jabaattee yoo hojjette wanti hin dabarre hin jiru.

@meraraf

Показано 20 последних публикаций.