Amaloota Namoota Milkaa’oo
Gorsa hayyoolii, jecha beektootaa, qabsaa'ootaa of keessatti hidhatee, masaraa isaa jabeeffateera. Dubbisaan dubbataa caalaa hubataadha!
Namoonni ogummaa adda addaa fi sadarkaa jireenya isaanii adda addaa irratti argaman milkaa’ina haala adda addaatiin madaaluu kan danda’an ta’us, warri yeroo hunda milkaa’an garuu amala armaan gadii qooddatu. Yoo yeroo hunda milkaa’uu barbaadde, amala sana of keessaa horachuun gaariidha. Isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an:
1. Onnattoottadha!
Galma kee bira ga’uu yoo barbaadde, waan hojjettu baay’ee dhimmamuun si gargaara. Fedhiin humna namaa kan kennu siʼa taʼu, yeroowwan rakkisoo taʼan keessa sidhiibuuf sigargaaruu dandaʼa. Garuu fedhiin fakkeessuun hin danda’amu.
2. Abdii Gaarii Qabu
Milkaa’inni guddaan yeroo baay’ee galma ajaa’ibaa ta’ee jalqaba. Miira abdii gaarii fi ofitti amanuu osoo hin qabaatin warri waan baay’ee galmaan ga’uuf carraaqan homaa hin argatan.
3. Cichoomina Qabu
Namni milkaa’e hundi kufaatii keessummeesseera. Yeroo kufaatiin isaan haguugullee akka biiftuun garaa samii dhoostee baatuutti kufaatii keessa darbaniiru.
3. Kalaqxootadha
Aartii irraa kaasee hanga saayinsiitti warri jalqaba irratti dandeettii yaaduu qaban carraan milkaa’ina guddaa qabu. Galma kee irratti gufuun yeroo si mudatu, karaalee rakkinicha itti furtu, Rakkoo sanaafi furmaata kan taʼuu dandaʼu karaa adda ta'een yaali
4. Fedhii Fooyya'uu
Namoonni milkaa’an akka waan mudaa hin qabneetti of hin ilaalan. Dandeettii isaanii irratti amantaa guddaa yoo qabaatanillee, ammas fooyya’iinsa gochuuf hojjetu, bakka hanqina qaban adda baasuun of cimsuuf waan gochuu qaban raawwatu.
5. Barachuuf Kutannoo Qabu
Nama milkaa’ina olaanaa qabu waliin yoo haasofte wanti hubattu tokko yeroo baay’ee beekumsa bal’aa ajaa’ibaa damee isaanii irratti qabu. Baayyeen isaaniis dameewwan biroo irrattis beekumsa ajaa'ibaa qabu. Sababni isaas milkaa’ina keessaa kutaan gaariin waan hojjechuuf yaaltu keessaa fi alaa hubachuudha, akkasumas addunyaa akka waliigalaatti hubachuudha.
Gurraahicha Kushitik; Firaa'ol Abbaa Mo'aa tiin!
Positive mind find opportunity in everything.