Leenjuma ani kennuufi muuxannoo kiyyarraa miliyeenara kan ta’an tokkoo lamaa miti’- Aadde Su’aad Muktaar
Namni tokko waan guddaa tokko hojjetee darbuuf uumame haa ta’u malee namoonni waan guddaa keessa isaanii jiru akka hin agarreef gufuuwwan fi rakkinoota adda addaan kan dhokatu ta’uu himu. “Kanaaf hojiinkoo gufuu sana maqseefii fagoo deemuu akka danda’u, mul’ata qabaatee akka of jijjiiruuf akkasumas ofiif, maatii fi hawaasasaaf waa gumaachuu akka danda’uuf suuta suutaan itti agarsiisuu dha.”
"Hawaasni keenya yemmuu ilaaltu al tokko tokko sigaddisiisa. Nama isa dammaqsu, nama ni dandeessa jedhuun, guddachuu dandeessa’ jedhuun hinqabu” jedhu.
Namni fi hawaasni diinagdeen of hin dandeenye fi hirkataa ta’e hawaasa afaansaa banee ‘ani nan danda’a’ jedhee dubbachuu danda’u miti.
Addunyaarratti biyyoonni guddatan hundi guddinni isaanii kan beekamu diinagdeen yoo gahumsa qabaatan qofa” dha. Kanaafis hawaasa waa omishuu danda’u fi diinagdeen of danda’e uumuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetanis himu.
“Diinagdee yemmuun jedhu qarshii qofa osoo hin ta’in, diinagdeen tun garam deemaa jirti, boru rakkinni yoo dhufe rakkina sana keessaa akkamiinan bahu danda’a kan jedhu fi rakkina as deemu tilmaamee hiikaa kennuufii rakkinicha furuu kan danda’u uumuu qabna jedheen amana” jedhu.
Namoonni sadarkaa barbaadan akka hin geenyeef gufuun inni duraa hubannoo dhabuu dha “nuti akka duriitti Baayoloojii yookiin Keemistirii qofa barannee addunyaarratti dorgomnee jiraachuu hindandeenyu”
Kanaafis dargaggoonni dhimma maallaqaafi diinagdeerratti hubannoo qabaachuu akka qaban himu.
“Akkaataa ati maallaqa itti argattu, akkaataa maallaqa argatte sana itti qusattu fi ‘invest’ gooturratti beekumsatu barbaachisa” jedhu.
“Ani miliyeenara ta’uun qaba yoo jette miira biraa dhiistee miira miliyeenara ittiin taatu san jala deemuu qabda”
Kanaafis namoonni cimanii hojjechuu, yeroo qabanitti hojii dabalataa hojjechuun galii isaanii guddisuurratti xiyyeeffachuu akka qabanis himu.
Aadde Su’aad h