#Ayyaana #Hacuuccaa
Yuunivarsitiilee ayyaana Iidal adahaa barattootaaf bifa barameen kabajuu dhaban mufii uume.
Yuunivarsitiilee biyyattii keessatti yeroo ayyaanni jirutti barattoonni akka waan maatii isaanii bira jiraniitti gammadanii akka oolaniif nyaataagi dhugaatiin bifa gaariin qophaa’uun akkasumas gamtaa barattootaa dabalatee maanajimentii Yuunivarsitiilee ayyanicha qindeessuun irratti argamuun barattoota gammachiisu. Haa ta’u malee ayyaan Iid al Adahaa guyyaa harraatti Yuunivarsitii Gaambeellaafi Yuunivarsitii Wallaggaa mooraa Shaambuu barattootaaf ayyaana kabajuu dhabuu isaatti barattoonni gadda guddaan oolaniiru.
Barattoonni kunniinis taatee akkasii “Hacuuccaadha” jechuun ibsaniiru.
Yuunivarsitii Wallaaggaa mooraa Shaambuu keessatti Laayibrariinille banaa akka jiruufi ayyaanota biroo irratti ni cufama, nyaatis kaaffeetti ni qophaa’a, gaafa ayyaana keenya wanta addaa gochuun hacuuccaadha jechuun barattoonni moorichaa miidiyaa @Abdii_Sabaa ‘f gabaasaniiru.
Barattoonni Yuunivarsitii Gaambeellaa irraa haasofsiisne taatee walfakkaataan mooricha keessatti mudachuufi gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibsaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡