Фильтр публикаций


#Komii Barattoota Yunivarsiitii Haramaayaa koollejjii Tekinooloojii.

Barattoonni Yunivarsiitii Haramaayaa koollejjii Tekinooloojii rakkoo bishaan dhugaatii isaan muudateen rakkachaa jiraachuu himan.

Dabalataan bishaan wayita dhufullee waraabbachuuf sa’atii hedduu akka dhaabbattan Kan Ibsan yoo ta'u kun ammoo sa’a barnoota isaanii kabajuu irratti dhiibbaa akka uume dubbatu.

Walumaa galattii hanqina bishaan dhugaatiidhaan rakkachaa Kan jiran barattoonni moorichaa fuurmaata barbaannas jedhaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Kara Deemaa jedhamuun kan beekkamu Inj. Daani'eel Gammadaa haleellaan qaamota hin beekkamneen irratti rawwatameen lubbuun hafuu hime.

Akka Kara Deemaan jedhutti, Namoonni Motoraan deeman duraa fi duubaan marsuun haleellaa irratti raawwatan.

Yaalii Ajjeechaa olaanatu narratti raawwatamee waaqni lubbuu na oolchee jedha.

Suuraan OMN

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

49.9k 0 48 408 2.2k

Barattoonni Ameerikaa kuma 730 ol biyyaa ari’amuu akka danda’an gaazexaan Waashingitan Poostiin gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Muummichi ministeera Dr Abiy Ahmed daawwannaaf Aggaaroo seenan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Mariin Paanaalii sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsa Boodaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

64.7k 1 17 18 602

Dhimmi Hijaabaa maalirra ga’e?

Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa xalayaa xumuraa Ministeera Barnootaatiif barreesseera.

Manni Marichaa; Xalayaa dhumaa Ministeera Barnootaaf barreesseen dhiittaa mirga namoomaa sadarkaa barnootaa hundatti Muslimoonni uffata Islaamaa waan uffataniif qofa irratti raawwatamaa jiruuf furmaata biyyoolessaa, waaraa akka argatu gaafateera.

Dhiibbaa ol’aanaa barattoota dubartoota Musliimaa irratti uffannaa Islaamaa wajjin walqabachuun taasifamaa jiru Manni Maree dhimmoota Islaamummaa furmaata waaraa argachuuf marii gaggeessaa akka ture eeruun, ji’a kana qofa xalayaa sadii Ministeera Barnootaaf barreessuu ibseera.

Haa ta’u malee, amma yoonaa rakkoon kun kan hin furamne yoo ta’u, Barattoota Musliimaa Yunivarsiitii Dillaa irratti miidhaan kun itti fufuu akeekeera.

Manni Murtii Olaanaa xalayaa isaa isa dhumaa irratti Ministeerri Barnootaa hatattamaan rakkoo barattoota dubaraa Musliimaa kanneen mirga barnootaa heera mootummaatiin kennameef dhorkamanii fi dhorkamaa jiraniif furmaata bulchiinsaa dhaabbataa akka kennu gaafateera.

Manni marichaa xalayaa isaa kana keessattis barattoota Yuunivarsitii Diillaa irra miidhaawwan ga’aa jiran adda durummaan kan ibse yoo ta’u xalayaan ammaa kun xalayaa isa dhumaa akka ta’es akeekkachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

57.6k 1 22 159 575

Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis Ameerikaatti barsiifamuu eegale.

Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argamutti har'a Amajjii 23, 2025 barsiifamuu eegaleera.

Obbo Baqqalaa Garbaa ammoo Barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti kennaan ta'anii qaxaramuu himani jiru.

Koolejii Libraal Artis keessatti kan egalame sagantaan Afaan Oromoo sirna barnoota idilee yunivarsitichaa keessatti hammatamee barattoonni eebbaaf kireditii isaan barbaachisu keessatti akka lakkaayamuuf beekamee jira. 

Akka obbo Baqqalaa Garbaa jedhanitti, barattoonni gosa barnootaa kana fudhachuuf galmaayan 25 yoo ta'an barattoonni 5 eeggattummaan galmaayani jiru jechuun yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitii biyya alaa keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti kennamuu jalqabee jedhan.

Gabaasi kan OMNti

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

74.9k 2 90 191 2.4k

Barattoota shamarranii halkaniin mooraa alatti dhorkaman.

Yuunivarsitii Diillaatti barattoota shamarran muslimaarra dararaan ga’aa jiraachuu odeeffanneerra.

Odeeffannoo mooricha irraa nu qaqqabeen barattoonni shamarran muslimaa , Jilbaaba, Niqaabaafi Maaskii uffachuu isaaniitiif halkaniin mooraa gadi baasuun ala jiru.

Barattoonni kunniin Jilbaaba baastan malee kaaffee hin nyaattan mooraas hin seentan jechuun dararamaa jiraachuu odeessi keenya moorichaa irraa nuun ga’eera!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

77.7k 1 51 306 1.2k

Turkiin guyyaa gaddaa biyyaalessaa labsite.

lammiilee 76 balaa ibiddaan erga dhabdee booda Turkiin guyyaa gaddaa biyyaalessaa labsite

IbiddaTurkii Hoteela Grand Kaartel keessatti ka’een walqabatee namoonni 9 to’annoo jala oolaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

85k 1 25 25 606

Balaa Ibiddaa Turkitti mudateen lubbuu namootaa hedduu darbe!

Turki bulchiinsa Booluutti Balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota 66 yoo darbu, namoota 51 oliirra miidhaan qaamaa qaqqabeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

87.9k 0 24 174 754

Hajjiin bara kanaa birrii kuma 625 .

Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sirna eegalchiisa galmee Hajjii Bara 1446 AH (2017 AH) ilaalchisee ibsa miidiyaaf kenne

Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Dameen Hajjii fi Umraa Hajjii bara 1446 AH (A.L.H bara 2017) galmee Hujjaajota fedhii Hajjii taasisuu qaban Waxabajjii 15 /2017 irraa eegalee akka eegalu beeksise.

Sirna Hajjii bara Hijiraa 1446/ ALH 2017 kanaaf baasiin waliigalaa birrii kuma 625 yoo ta'u, kunis daballii sharafa doolaaraa irraan kan ka'e ta'uun ibsa kanaarraa hubatameera.

Bara 2016 baasiin Hajjiif murtaaye doolaara 5772 yoo ta'u bara kana (2017) doolaara 4921 tti gadi buusuun danda'ameera jedhame,kunis daballii gatii sharafa doolaaraatiin wal qabatee hujjaajotatti akka hin cimne ilaalcha keessa galchuun ta'uu ibsameera.

Daballii sharafa Doolaaraa fi fooyyessa mootummaan Sawudii taasisee irraa kan ka'e bara darbe doolaarri 1 birrii 57 tti sharafamaa kan ture, bara kana (2017) birrii 127 sharafamaa jiraachuu ibsameera.

Kanaan dura galmeen Hajjii Ramadaana Ramadaana booda kan taasifamaa ture yoo ta'u bara kana jijjiirraa mootummaan Sawudii sirna hajjiirratti taasiseen, galmeen Hajjii Ramadaana dura kan xumuramuu fi namoota Isa booda dhufan kan hin keeessummeessine ta'uu ibsuun, buufatalee galmee itti dhiyaatutti Osoo yeroon hin dhumiin passport fi waraqaa eenyummaa haarome,qabachuun akka galma'an manni marichaa ergaa dabarseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

97k 1 23 84 652

Barattoonni Saanduqa-Kakuu(Taabota)tti qoosan to’atamaniiru.

Barattoota Sadi maq-balleessii amantaa irratti gaggeessan tarkaanfii irratti fudhatamuu Bulchiinsi fi Nageenyi Magaalaa Amboo beeksise.

Bulchiinsa magaalaa Ambootti barattoota sadi saanduqa kakuu(Taaboota) fakkeessanii miidiyaa hawaasaa Tiiktook gubbaatti amantaa ortodoksii irratti qoosan tarkaanfiin irratti fudhatameera.

Barattootni kunis, Yuunivarsiitii Ambootti kan baratan yoo tahuu yeroo ammaa to'annoo seera jala akka jiraniif Yuunivarsiitiin Amboos adabbii Naamusaa kennuuf kallatti akka kaa’e odeessi koomishinii
Magaalichaa irraa arganne ni mullisa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

89.7k 1 59 413 1.2k

Obbo Geetachoo Raddaan dhimma hijaabaa irratti hawaasa mariisisan

Magaalaa Akksumitti manneen barnootaa barattoota muslimaa shammarran ta'an 159 sababa hijaabaatiin barnoota irraa ittisuu hordofee guyyaa har'aa hiriirri adeemsifame booda Obbo Geetaachoo Raddaa yaada kennaniin “Dhimmi hijaabaa gonkumaa ajandaa ta'uu hin qabu ture. Kun ta'e jedhamee kan godhamedha, Saffisaan furmaata akka argatu ni goona" jedhan.

Barattoonni kunniin sababa hijaabaatiin galmeen qormaata biyyaaleessaa 12ffaa jala darbuu fi gara barnootattii deebi'uu dhabuu isaanii hordofee naannichatti hiriirri mormii dhaadhannoo “Hijaaba ishees ni uffatti, barnoota ishees ni baratti" jedhuun Maqaleetti adeemsifamee akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.

Hiriira nagaa kana booda namoonni hawaasa keessaa filataman baay’innaan 20 ta'an bakka bu'ummaadhaan Perezdaantii yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa wliin mari’atanii jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

69.9k 1 14 12 419

Barattoonni qormaata bahiinsaa walakkaa bara 2017 keessa kennamu irra deebiin fudachuu barbaaddan galmeen guyyaa boru Amajjii 14/2017 xumurama sababa ta’eef karaa https://exam.ethernet.edu.et galmaa’aa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

76k 1 116 29 315

Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Mormiin magaalaa Maqaleetti geggeeffamaa jira.

Akkuma kaleessa gabaasnee turre dhorkamuu hijaabaan walqabachuun Maqaleetti hiriirri taasifamaa jira.

Hiriira kanaanis dhaadannoowean dhageessifaman

-Dubartoonni Hijaaba uffachuufi dhiisuun mirga.

-Dubartiin tokko mataa qullaa adeemuun akkuma mirga ta’e mataa ishee dhoksuunis mirga isheeti

-Rifeensa mullisuun seera kamiinillee dirqamaa miti.

-Hijaabi duudhaa Amantichaafi dirqama keenya, fedhii keenyaan uffanne.

-Qaama keenya hin ilaaltan, dandeetti keenya ammoo isinitti agarsiisna.

-Mirga Dubartoota Muslimaa eegamuufi qaba.

-Hijaaba ishees ni uffatti Barnoota ishees ni baratti. Kan jedhu ture.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

79.5k 1 25 420 961
Показано 15 последних публикаций.