Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Meenuu nyaata barattoota Yuunivarsitiin walqabachuun barattoonni Yuunivarsitii Maqaleetti hiriira mormii geggeessan.
Ganamaa har’aa Yuunivarsitii Maqalee mooraa guddichaa Ariiditti
“Fooyya’iinsa menu/Gosa nyaataa mootummaadhaan godhame hojirra olchuu waan didaniifi cireerratti Isa duraarra hamma daabboo mootummaan jedherra walakkaadhaa gadi buusuu “ sababa jedhu irraa kan ka'e Barattoonni fincilan.
Yuunivarsitichatti Sagantaan nyaataa torbee keessatti shiroo qofadha kan jedhan barattoonni, darbee darbee foon akka jiru himaniiru.
Haa ta’u malee tibba kana qulqullinaafi hammi nyaataa hanqina godhachuu sababeeffachuun barattoonni hiriira kan taassisan yommuu ta’u hiriirri barattootaa kunis akkuma Viidiyoo irratti mullatu poolisii naannichaan bittinnaayee Jira .
Hiriira barattootaa guyyaa harraa kana irrattis Qabeenyarra midhaan gahuu odeeffannoo miidiyaan @Abdii_Sabaa mooricharraa argate ni ibsa. Haaluma kanaanis Foddaawwan kaaffeefi fuulleeewan garaa garaa barbadaa'aniruu.
Tibba kana ministeerri barnootaa fooyya’iinsa Meenuu/gosa nyaataa taasisuun “cost share” oolmaa guyyaa ,qarshii 22 irraa gara 100 tti ol guddisuu gabaasuu keenya ni yaadatama, haa ta’u malee barattoonni mooraa garaa garaa fooyya’iinsi akka hin jirreefi haalli nyaataa daran hammaachaa dhufuu waywaataa akka jiran miidiyaan @Abdii_Sabaa odeeffataa jira!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡