Dhimmi Hijaabaa maalirra ga’e?
Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa xalayaa xumuraa Ministeera Barnootaatiif barreesseera.
Manni Marichaa; Xalayaa dhumaa Ministeera Barnootaaf barreesseen dhiittaa mirga namoomaa sadarkaa barnootaa hundatti Muslimoonni uffata Islaamaa waan uffataniif qofa irratti raawwatamaa jiruuf furmaata biyyoolessaa, waaraa akka argatu gaafateera.
Dhiibbaa ol’aanaa barattoota dubartoota Musliimaa irratti uffannaa Islaamaa wajjin walqabachuun taasifamaa jiru Manni Maree dhimmoota Islaamummaa furmaata waaraa argachuuf marii gaggeessaa akka ture eeruun, ji’a kana qofa xalayaa sadii Ministeera Barnootaaf barreessuu ibseera.
Haa ta’u malee, amma yoonaa rakkoon kun kan hin furamne yoo ta’u, Barattoota Musliimaa Yunivarsiitii Dillaa irratti miidhaan kun itti fufuu akeekeera.
Manni Murtii Olaanaa xalayaa isaa isa dhumaa irratti Ministeerri Barnootaa hatattamaan rakkoo barattoota dubaraa Musliimaa kanneen mirga barnootaa heera mootummaatiin kennameef dhorkamanii fi dhorkamaa jiraniif furmaata bulchiinsaa dhaabbataa akka kennu gaafateera.
Manni marichaa xalayaa isaa kana keessattis barattoota Yuunivarsitii Diillaa irra miidhaawwan ga’aa jiran adda durummaan kan ibse yoo ta’u xalayaan ammaa kun xalayaa isa dhumaa akka ta’es akeekkachiiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡