Soressichi addunyaa Eelen Maask jibbamaa jira!
Lammiileen Kaanaadaa lammummaa Eelen Maask akka haqamuuf iyyata mallattoo walitti qabuu jalqaban.
Hanga ammaatti lammiileen kuma 200 ol iyyata kana mallatteessaniiru.
Maalif laata?
Tiraampitti dhihoo kan ta’ee fi Kaanaadaan bulchiinsa Ameerikaa 51ffaa akka taatu yaada kan dhiheesse biliyeenarri kun, ilaalcha Kanaadaa irratti qabu irraa kan ka’e lammummaa isaa akka haqamu lammiileen kaandaa gaafataniiru.
Iyyanni haqamuu lammummaa Kaanaadaa Tujaara addunyaa tokkooffaa Eelen Maask gaafatu deeggarsa bal'aa argateera.
Adeemsi mallattoo walitti qabuu miseensi paarlaamaa Kaanaadaa Kawaaliyaa Riid fi lammiilee birootiin jalqabame lammiilee Kanaadaa irraa mallattoo kuma 200 ol argachuun isaa barameera.
Adeemsi mallattoo walitti qabuu kun kan jalqabame Eelen Maask Pirezidaantii Tiraamp, kan Kanaadaa kutaa Ameerikaa 51ffaa akka gootu dubbatan waliin walitti dhiyeenya qabaachuu isaanii fi ilaalcha siyaasa biyyattii irratti qabaniin akka ta’e himama.
Iyyanni guyyoota shan dura toora interneetii irratti bahe ejjennoo dantaa biyyaalessaa Kanaadaa faallessu leellisaa jira jechuun Eelen Maask himate.
Akkasumas, Michummaan Eelen Maask Tiraamp waliin qabu mootummaa biyya alaa abbaa biyyummaa biyyattii gadi buusuuf hojjechaa jiru waliin ifatti tumsaa akka jiru kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.
Dhimmoonni kun lammiilee Kanaadaa kan aarse yoo ta’u, lammummaan Tujaara kanaa akka haqamu daandii irratti ba’aniiru.
Dhalataa Afrikaa Kibbaa kan ta’e Eelen Maask, dhaabbata konkolaataa elektirikii Tesla, dhaabbata hawaa SpaceX, fi marsariitii hawaasaa Twitter dabalatee dhaabbilee Ameerikaa hedduu kan hoogganu yoo ta’u, karaa haadha isaa lammii Kaanaadaa ta’uu gaazexaan Biriteen The Guardian gabaaseera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gara aangootti erga dhufanii booda, yaadni isaanii Kaanaadaa US waliin walitti makuuf dhiyeessan lammiilee Kaanaadaa miiliyoona 40 dallansiiseera.
Gama kaaniin, pirezidaantichi meeshaalee biyyattii irraa gara Ameerikaatti galfaman irratti taarifa kaa’uu isaanii biyyoota ollaa ishee gidduutti waldhabdee uumeera.
Iyyannoowwan akkasii Paarlamaatti dhiyaatanii deebii ykn murtii ofiisaa argachuuf mallattoo 500 fi isaa ol argachuun dirqama.
Haa ta'u malee, iyyanni lammummaa Eelen Maask akka haqamu gaafatu, guyyoota 5 keessatti mallattoo kuma 100 kan argate fi hanga June 20tti kan turu, mallattoo barbaachisuu ol argachuu danda’eera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡